Rakkoolee Dhiyeessan Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa waliin walqabatan furuuf haawaasni shoora gama isaa gumaachuun qabaa jedhame.

Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Rakkoolee Dhiyeessan Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa waliin walqabata iin jiran furuuf keessattuu Ujumoowan bishaanii iddoolee gara garaatti dhoo’uun bishaan dhangalaasan hawaasni eeruu laachuu fi Bishaan qusannaan fayyadamuun Rakkoolee Dhiyeessan Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa waliin walqabatan furuuf haawaasni shoora gama isaa gumaachuun qabaa jechuun Hojii Raawachiisan Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aaBulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Mahamad Muussee ibsan.

Obbo Mahamad kana kan ibsan waltajjii Marii Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ejansii Misooma Naannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa waliin ta’uun haala fayyadamiinsa Bishaanii fi Rakkoolee bulchiinsa gaarii damee kanaa irratti Gaggeesota Gurmaa’iinsa Bilookii waliin marii Gaggeefame irratti ibsan.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

+3

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *