Biiroon Daldala Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Imaamataa fi Tarsiimoo Misooma Indastirii fooyya’e irratti qaamolee ga’ee Indastiriiwaniif leenjii hubannoo gabbisuu laate irratti Itti-Aanaan Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo, Daldala Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh akka jedhanitti Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf Saffisaa fi Kalaqaan hojjachuun murteessaadhaa jedhan.
Obbo Harbiin itti dabaluuniis dandeettii Oomishtummaa Dhaabilee Oomishtootaa guddisuun Oomishaalee biyya alaatii dhufan bakka buusuun akka danda’amuuf yaadamee Tarsiimoon Misooma Indastirii fooyya’e kun hojiirra oolaa jiraachuus addeessan.
Waltajjicha irratti qaamolee ga’ee Indastiriiwan hirmaatan keessaa kanneen yaada laatan akka jedhanitti Tarsiimoo Misooma Indastirii fooyya’e kun Oomishtummaa guddisuuf kan nu jajjabeessu jedhanii milkaa’ina Tarsiimoo Misooma Indastirii fooyya’eef qindoominaan hojjachuun Qaamoleen ga’ee barbaachisaadhaa jedhan.
Abbdii Adamiin
Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa


