Gaafa Afrikaatti Ijaarsa Nageenya Naannawaa, Misooma Waaraa fi waliin jireenya irratti Koonfiraansiin xiyyeefate Dirree Dhawaatti gaggeefamuu jalqabe.

Ministeerri Nageenyaa Yuunivarsitiilee Kutaa baha biyyaa teenyatti argamanii fi Yuunivarsitiiwwan Hargeesaa fi Jabuutii waliin ta’uun Ijaarsi Nageenya Naannawaa, Misooma Waaraa fi waliin jireenya Naannawaa irratti Koonfiraansiin xiyyeefate Dirree Dhawaatti gaggeefamuu jalqabe.

Koonfiraansii kana irratti Ministeerri Ministeera Nageenyaa Binnaalfi Anduuwaalam, Deetaan Ministeera Nageenyaa Dr. Keeyradiin Tazaraa, Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimma Nageenyaa Dr. Diimaa Nagoo Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Harbii Buuh, Sadarkaa Itti-Aanaa Kantiibaatti Hooganaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Ibraahim Yuusuf,

Hooganaan Biiroo Dhimma Haqa, Nageenyaa fi Seeraa Obbo Abdulsalaam Mahammad Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Adam, akkasumaas Bakka bu’oonni Yuunivarsitiiwwan Hargeesaa fi Jabuutii dabalatee Abbootiin Amantaa fi Manguddoonni biyyaa kurfii kana irratti hirmaachaati jiru.

Koonfiraansicha irratti Dhaabilee Barnoota Ol’aanoo Hariiroo Itoophiyaa, Jabuutii fi Soomaalilaandi jidduutti Walitti hidhamiinsa Ijaarsa Nageenyaa fi Misooma waaraa roga maraan mirkaneessuuf shoora qabu “The Role of Higher Education Institutions in Peace-building and Inclusive Development in Ethiopia Djibouti and Somaliland” irratti kan xiyyeefateedha.

Koonfiraansicha irratti gaafa Afrikaatti haala Nageenyaa fi Tasgabbii jiru, Carraawwan qabnuu fi yaaddoo, Walitti hidhamiinsa Naannawaa, Misooma Waaraa fi Ijaarsa Nageenyaa akkasumaas Naannawichatti waldhabdeewwan mudatan Haala Aadaatiin furuuf Haala dandeesisu irratti shoora Dhaabileen qaban irratti kan xiyyeefatan Barruuwan Qorannoo Hayyootaa dhiyaatanii Mariin irratti gaggeeffamaati jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *