Bulchinsa Dirree DhawaattiHojii Misooma Sululaa Qindaawaa Ji’oottan bonaa bara 2018 mataduree”Misooma Sululaa Qindaawaa Ji’oottan bonaa Milkaa’ina Qonnaatiif!” Jechuun ji’a tokkoof kan gaggeeffamaa ture yommuu ta’uu, guyyaa har’aa sagantaan guduuunfaasaafi beekamtii gaggeeffame.
Sagan rich array to argamuun ergaa kan dabarsan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Bulchinsa Misooma sululaa tiif xiyyeeffannaa kennuudhaan qabeenya uumamaa gara uumamaa tureetti deebisuuf hojiilee hojjeteen buaan galmaa’uu ibsan.
Hojiin misooma sululaa biyyattiin gargaaramtummaa keessaa ba’uuf imala jalqabde sadarkaa olaanaan milkeessuufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf tattaafii taasifamu milkeessuu keessatti gahee olaanaan kan qabu ta’uu Kabajamoo Kantibaan ibsan.
Dabalataanis Obbo Kadiir Juhaar cehumsa baadiyyaaf bu’ura kaa’uudhaan milkaa’ina Badhaadhina roga hundaa biyyattiif bu’ura kaa’uu akka ta’uu hubachuun tokkummaa keenyaa cimsachuudhaan hojiilee Misooma akkasii manneen Ummataa fayyadanirratti gamtaan hojjechuun kan barbaachisu ta’uu ibsaniiti jiran.
Hogganaa Biiroo Qonnaa,Bishaan, Albudaafi inarjii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuuraddiin Abdallaa gamasaaniitiin hojiin Misooma sululaa waggoottan darban keessatti hojjetamaa jiraachuu fi qonnaan bultootaafi horsiiseebultootaaf aadaa ta’aa dhufuu eeranii hojii misooma sululaa qindaawaa bara kanaariinis namoota kuma 41 fi 149 ol hirmaachisuufi maalaqatti yoo shalagamemmoo baasii birrii Mil. 900 kuma 506 ol baraaruu danda’uu ibsan.
Obbo Nuuraddiin itti dabaluudhaanis hojii misooma sululaa bara kanaatiinis lafa hektaara kuma 5fi 328 misoomsuufi dhiqama biyyoo 3.6n hir’isuun danda’uu eeranii dhiqama biyyoo ummata lolaaf saaxilamuu danda’u hir’isuun qabrrnya biyyee toonii kuma 47 tti shalagamu balaarraa hambisuu ibsan.
Sagantaa goolabbii kanarratti aanaalee fi araddoota hojiilee Misooma sululaa bars kanaarratti adda durummaafi milkaa’ina olaanaan xumuraniif badhaasni beekamtiifi waraqaan ragas kennameeti jira.
Sagantaa kanarrattis kabajamoo afayaa’ii mana marii bulchinsa dirree Dhawaa Kabj. Obbo Abdii Muktaar, kabj. Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf, hoggantoota olaanoon bulchinsaa, ogeeyyiin qonnaafi kutaaleen hawaasaa hedduun argamaniiti jiran.


