Dhaabbannii Leenjii Qophii Nyaataafi Keessummeessuu SKC barattoota 100 Leenjisiise Eebbise.

#DGC Sadaasa 15/2017

Ejensii Leenjii Barnootaafi Ogummaa Biiroo Hojiifi Dandeettii Bulchinsa Dirree Dhawaatti Dhaabbanni Leenjii qophii nyaataafi Keessumeessuu SKC Sagantaa kabaja guyyaa hundeeffama isaa waggaa tokkoffaa har’a kan gaggeesse yommuu ta’u guyyaa kanattis marsaa 5ffaaf kanneen leenjisaa ture barattootaa 100 eebbisiise.

Kabajamoo Afayaa’ii Mana Mario Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Fatiyaa Aden Saganticharratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsanii Itoophiyaan imala badhaadhinaa jalqabde milkeessuu keessatti damee tajaajila hoteelaafi turizimiitii babal’isuutii hojiilee jajjabeeysaa hojjechaa jiraachuu eeranii damee kanaanimmoo mootummaan Itoophiyaa humna namaa leenji’eefi ga’umsa qabuufi sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e oomishuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsan.

Hoteelyotaafi Manneen nyaataa Guddina Magaalaa Dirree Dhawaa waliin deeman qabaachuuf Qopheessitootaa Nyaataafi Keessimeessitoota ogummaafi ga’umsa Qaban barbaachisa kan jedhu Hundeeysaafi Abbaan Qabeenyaa Dhaabbata Leenjii Qophii Nyaataafi Keessummeessuu SKC kan ta’an Sheef Kaasaahun Indaashaaw gamasaaniitiin Dhaabbatichi ogummaa Nyaataafi qopheessuutiin Barattootaa ciccimoofi ga’umsa qaban uumishuu qofa otuu hintaane waggaa tokko keessatti barattoota 500 ol kanneen leenjise eebbisiise keessaa barattoota 260 oliif carraa hujii uumuu danda’uufi Hoteelota bulchinsatti argaman sadarkaa Qophii nyaataafi Keessummeessuu guddina Magaalaa waliin deemu keessatti humna namaa ogummichaan leenji’aniifi ga’umsa qaban oomishaa dhiheessaa jiraachuu ibsan.

Eebbifamtoonni ogummaa Qophii nyaataafi Keessummeessuu tokko tokkos yaada kennaniin dhaabbata kanatti yeroo gabaabaa ji’a sadi keessatti ogummaa nyaata garaagaraa qopheessuu horachuufi hojii dhuunfaasaanii uummachuufis ga’umsa barbaachisu horachuusaaniitti gammachuu guddaa qabaachuu ibsaniiti jiran.

Saganticharrattis Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden, Afayaa’ii Itti Aantuu Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii , eebbifamtoota, leenjistootaafi keessummoonni hedduun argamaniiti jiran.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Salaam Abbabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *