Hojiilee Misooma Koriidaraa Aanaa 09tti hojjetamaa Jiraniin Daandiiwwan Dhiphoo Turan Sirritti Bal’achuun Ibsame.

Jiraattonni Aanaa 09 Hojiilee Misooma Koriidaraa Aanichatti hojjetamaa Jiraniin Daandiiwwan Dhiphoon Turan Sirritti Bal’achuu ibsaniiti jiran.

Misooma Koriidaraa dura daandiiwwan turan dhiphinarraa kan ka’e namaafi konkolaattonni walitti maxxanuun kan walbira dabraa turan ta’uuf manneen qorqorroofi sharaarraa ijaaramanii turan baay’ee dulloomuu, eeranii yeroo ammaa kanammoo misooma Koriidaraa hojjetamaa jiruun daandiiwwan bal’achuu, manneen dullooman immoo haala miidhagaafi hawwataa ta’aniin haaromsamanii ijaaramuu ibsaniiti jiran.

Aanichi ganda daldalli baay’ee keessatti adermsifamu ta’uun walqabatee, manneen daldalaa sharaafi qorqorroo turan haala miidhagina qabaniin hojjetamaa jiraachuu kan eeran jiraattonni kanneen misoomni Koriidaraa aanichatti hojjetamaa jiru saffisaafi qulqullinaan akka raawwatamu waan danda’aniin tumsa barbaachisu gochuu kan itti fufan ta’uu dubbatan.

Hogganaa Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii Bulchinsa Dirree Dhawaafi deeggaraa Aanichaa kan ta’an Obbo Umar Du’aalee akka jedhanitti misoomni Koriidaraa aanichaa boqonnaa 4n qoodamee hojjetamaa jiraachuu eeranii hojiin manneen sharaafi qorqorroo seeraa-ala ijaaramuun Daandii miilaa cufanii turan kaasuun saaquu, magaalaa qulqulleessuufi bareechuu, hawaasa waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiti jiran

Hoji-gaggeessaa aanichaa kan ta’an Obbo Hassan Umar gamasaaniitiin aanichatti misooma koridaraa hojjetamaa jiruun walqabatee labsii manneen jireenyaaf raadiyesii 20m fi Dhaabbilee daldalaafi Mootummaa raadiyesii 50m fuuldurasaanii misoomsuufi qulqulleessuu hojiirra oolchuu, hojiileen daandiilee keessoo babal’isuun ibsaafi biqiltuu magariisaa dhaabuun bareechuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *