Hojiin Misooma Koriidaraa Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Fuulduratti Hojjetame Bareedina Magaalaa Kan Gonfachiiseefi Dargaggoota Naannichaaf Iddoo Buhaartii Kan Taasisee Ta’uun Ibsame.

Hojiin Misooma Koriidaraa Komishiniin Daragaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Maatii Ispoorteessitootaafi Hawaasa Naanichaa waliin Ta’uun Adda Baba’ii Fuuldura Komishinichaa deebisanii misoomsuufi miidhagsuun Hojjetame naannicha hawwataa taasisuun Ibsame.

Komishinarri Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Hojii Misooma Koriidaraa Bulchinsatti hojjetamaa jiru waliin walqabatee Aanaa 03 Waajjira Komishinichaa fuulduratti kan argamu maatii ispoorteessitootaafi hawaasicha waliin ta’uun Addababa’i hedduu dulloomee ture guutumaa guututti haaroomsuun bifa nama hawwatuun xumuruu eeranii bocawwan jiran miidhagsuu, faawunteenicha suphuu Hojii kalaqaatiin akka nama hawwatutti bocawwaan halluuwwaniifi ibsaa diriirsuun bifoota ifaa adda addaan faayuudhaan hojjechuu dubbatanii jiran.

Iddoon kuni iddoo sosochiin ilma nama Itti baay’atu ta’uusiitiin akkaataa miidhagina magaalaa waliin deemutti bareechuudhaan hojjetamuu kan eeranii obbo Khalid bakkichi jiraattota naannichaafis ta’ee kanneen biroof iddoo bashannanaafi bohaartii taasifamuu ibsaniiti jiran.

Addababa’ichi Kaasan dura hedduu dulloomre jiraachuufi misooma Koriidaraa amma hojjetamaa jiru waliin haaroomsamee bifa nama hawwatuun hojjetamuusaatiin dargaggootaaf bakka bashannanaa ta’uu jiraachuu jiraattonni naannichaa himaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *