Oduu Tarminaalli Imaltootaa Buufata Baaburaa Durii Birrii Mil. 13.5 niin Suphaan Godhamuuf Akka Ta’e Ibsame. .

Biiroon Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dirree Dhawaa deeggarsa maallaqaa Abbaa Taaytaa Godaambaa Itoophiyaarraa argameen Tarminaala Imaltootaa kan Buufata Baaburaa Durii Akka Hambaa Seenaatti Galmaa’ee taa’uuf suphaa gochuuf dhaabta Ijaaruu waliin waliigaltee mallatteesse.Sirna Waliigaltee mallatteessuu kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dhawaa Obbo Mikaa’il Indaalaa Buufanni Baaburaa Dirree Dhawaa kuni seenaa hundeeffama Magaalaa Dirree Dhawaa waliin kan hidhata qabu ta’uu eeranii Hamaa seenaaDirree Dhawaa kan ta’e kana bifa isaa duriitiin dhaloota dhufuuf akka seenaaf taa’utti suphanii tursiisuufi kunuunsuu barbaachisa jedhan.

Akka Obbo Mikaa’il jedhanitti Abbaa taaytaa Godaambaa Itoophiyaa waliin ta’uun buufta kana suphuuf murteessuun duratti qorannoowwan adda addaa gaggeessuudhaan baasii suphaafis barbaachisu bir. mil 13.5 abbaa taaytaa Gadaanbaa Itoophiyaarraa deeggarsa argameen guyyaa kana sirna waliigaltee ijaarsaa walii mallatteessuun booda kallattiin ijaarsi suphaa kan jalqabu ta’uu dubbatan.

Daayreektarri Olaantuun Abbaa Taaytaa Godaambaa Itoophiyaa Adde Hiwot Hayluu gamasaaniitiin Tarminaalli Imaltootaa Buufata Baaburaa Dirree Dhawaa Seenaa turizimiifi geejjibaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu eeranii buufatichi yeroo dheeraa booda balaa namtocheefi uumamaatiin miidhamuufi kunuunsa gaarii dhabuusaa qorachuun akka suphamee galmee hambaarratti akka galmaa’uuf deeggarsa maallaqaa birrii mil.13.5 gochuu himan.

Aadde Hiwot Itti dabaluunis hojiin suphaa bifa miidhagina isaa kan yeroo sanaafi gonfachuun kan gaggeeffamuufi bulchinsi Dirree Dhawaa qulqullinaan ijaaramaa adeemuusaa jalqabaa hanga dhumaatti xiyyeeffannaa olaanaadhaan akka hordufu dhamsa dabarsaniiti jiran.

Sirna waliigaltee walii mallatteessuu kanarratti kan argaman dhalattootaafi jaalattoonni Dirree Dhawaa akkasumas Hondeessitoonnifi miseensonni Dhaabbata ‘Ethio-Firaansi’ kanneen biyyoota addunyaa akka Faransaay, Jabuutii, Niijer, Maalii, Ameerikaa, fi biyyoota biroorraa dhufan yommuu baabura durii kanaan shirri shirrii deeman gammachuu qaban ibsatanii haaroomsa taasifamuuf jirus kan tumsuuf jiran ta’uu himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *