Bulchiinsa Dirree Dhawaatti intarpiraayizoota Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaa kan Oomisha Saabunaa fi Ditarjantii irratti bobba’anii jiran humna Oomishtummaa isaanii guddisuuf kan dandeesisu Leenjiin kennamaati jira.
industiriiwwan gurguddoo babal’isuuf duursa Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaaf xiyyeeffannoo laachuun Akka Irra jiraatu Muuxannoon Biyyoota akka Chaayinaa fi Hindii dabalatee kan Biyyoota guddina Saffisaa galmeessanii ni mul’isa.
Biyyoonni kunneen Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaaf xiyyeeffannoo laatanii hojjachuun industiriiwwan gurguddoof Oomishaalee Galtee dhiheessuu dabalatee Walitti hidhamiinsa Gabaa fi Hariiroo cimaa Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaafi industiriiwwan gurguddoo jidduutti uumuun guddina Saffisaa galmeessaniiru.
Dirreen Dhawaas Akka Biyyaatti Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaa xiyyeeffannoo addaa laachuun Hojiiwwan deegarsaa fi Hordoffii Adda addaa raawatamaa jiran keessaa tokko Bulchiinsatti kan argaman Oomishtoota damee Oomishaalee gad-aanoo fi jiddu-galeessaan Oomisha Saabunaa fi Ditarjantii irratti bobba’anii jiraniif Leenjiin humna Oomishtummaa isaanii guddisuu kennamaati jira.
Leenjii kanaan Ga’uumsa Dandeettii dabaluun Oomishtummas guddisuuf akka gargaaru hirmaatonni leenjicha yaada nuuf laatan ibsan.
Leenjiin hubannoo kun Guyyoota sadiif dhimmoota gara garaa irratti xiyyeefachuun kennamaati jira.


