“Sulula Qindaawaa Misooma Magariisaa Waaraaf”jedhuun guyyoota 30f kan gaggeeffamaa ture hojiin misooma sululaa bonee goolabame.
Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ergaa baga gammaddanii yommuu dabarsanitti bara kana karoora hojii sululaa guyyoota 30 baafanne galma akka gahuuf halkaniifi guyyaa hojjechuun raawwii gaarii galmeessuudhaan Kilaastarri Hasallisoo keessattuu Araddaan Ganda Rigee adda duree ta’uu himanii, hoggansi sadarkaan jiru hundumtuu isin tajaajiluuf waan ta’eef yoo rakkoon uumamees dhiifama waliif gochaafi walgorfachaa waliin gara misoomaatti ceeena jeechuudhaan dhaamsa dabarsaiiti jiran.
Kabajamoo Kantibaan itti dabaluudhaanis, bara kana hundumtuu hojii misooma sululaa bonaa kana ciminaan hojjechuun adda durummaan akkuma goolabam waqtii Gannaa dhufus hoggansaafi ogeessota sadarkaan jiru waliin qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu himan.
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaatti Bakka bu’aan Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abduljawaad Mohammed yeroo kanatti Bulchinsa gaaffilee ummata keenyaa dhawaataan furaa jiraachuu qabatamaan argaa jiraachuu mirkaneessanii rakkoolee misooma kanaan dura ka’aa Turan keessaas kanneen deebii hinargatinis deebii akka argatan abdii qabnas jedhan.
Obbo Nuuradfiin Abdallaa Hojiin sululaa barabkanaatiin Araddaan Ganda Rigee 1ffaa ba’uudhaan badhaafamuu dubbatanii hojii kanas jalqaba hubannoo kennamuudhaan kan itti seename waan ta’eef bu’aan guddaan kan galmaa’e ta’uu dubbatan.
Obbo Nuuraddiin duula hojii misooma sululaa rakkoo hanqina roobaa waan qabuuf rakkinicha furuudhaafi oomishaafi oomishtummaa mirkaneessuu lafa qonnaa Hektaara 4662 misoomsuun danda’amuu dubbatanii kunimmoo qonnaan bultootaafi ogeessota hedduu leenjisuun, gara hojiitti waan seenameef mira xiiqiifi waldorgommiitiin akkasumas fedhiifi kaka’umsaan kan hojjetamaa ture ta’uusaa ibsaniiti jiran.
Hogganaa Aanaa Asallisoo kan ta’an Obbo Abdi Abdallaa gamasaaniitiin hojiin sululaa baranaatiin aadaan hojiin qonnaa keenya kan itti jijjiirameedha. Hojiilee bu’a qabeessa ta’an hedduu hojjechuun kilaataricha adda duree taasisuutu hojjetame jedhan
Waltajjii Goolabbii hojii misooma sululaa Kilaastara Asallisoo Araddaa Ganda Rigeetti gaggeeffame kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchi sa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar,
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaatti Bakka bu’aan Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abduljawaad Mohammed, Hogganaa Biiroo Qonnaa Albudaa fi inarjii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuuradfiin Abdallaa, Hoggantoota olaanoo bulchinsaafi gaggeessitoota Aanaa Asallisoofi Araddaalee
aanichaa abbootiin amantaa jaarsoliin biyyaafi dargaggoonni hedduun kan argaman yommuu ta’uu, guyyaa kanarttis araddaaleefi abbootiin garee kanneen hojii sululaatiif gumaachan gaarii qabaniif badhaasaafi beekkamtiin kenname.


