Bulchinsatti Pirojektoonni Deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaatiin Hojjetamaa Jiran Fayyadamummaa Ummata Kan Mirkaneessan Ta’uun Ibsame.

Jilli Aanga’oota Baankii Addunyaa Damee Afrikaa Bahaatti Hoji gaggeessaa Hojmaata Jireenyaafi Lafa Magaalaa (Urban Resilience and Landa) kan Ta’an Mr. Abhas K. Jha tiin durfamu Pirojektoota misoomaa deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaatiin Bulchinsa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiranirratti fi akkaaataa hojiilee kanneen ciminaan itti fufsiisfamanirratti aanga’oota bulchinsaa waliin mari’achuun haala piroojektoonni irra jiran daawwateeti jira.

Daawwannaa gaggeeyfame ilaalchisee ibsa kan laatan Bakka bu’aan Kantiibaa fi Itti Aanaan Biiroo Misoomaa, Maallaqaa fi Diinagdee Obbo Girmaa Tasamaa, waggoota dabran keeysatti pirojektoonni deeggarsa Baankii Addunyaatiin hojiilee hedduu hojjechaa turuu ibsanii, fuula duraas akka itti fufu eeran. Pirojektoonni kun haala jiruu fi jireenya hawaasa Bulchiinsaa fooyyeessuu itti danda’an irratti xiyyeeffachuun marii ballaa erga taasisan booda, iddoowwan hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkanneessan itti hojjatamanii jiranirratti daawwannaan gaggeeyfamuu addeeysan.

Mistar Abhaas K. Jihaan gama isaaniitiin, turtii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti taasisaniin, Magaalaan Dirree Dhawaa jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, fuulduraas Baankiin Addunyaa hojiilee jireenya lammiilee Magaalichaa fooyyeessuu kan waggaa shaniif (2018–2024) turees kan hojiirra oolchu ta’uu dubbatan.

Jilichi hojiilee baballinsaa bu’uuraalee misoomaa Baankichaan Bulchiinsatti hojjataman keessaa daandiiwwan keessoo koobilistoonii, diildila Ganda Awwadayaatti argamu, dabalataaniis hojiilee roga jijjiirrama haala qilleensaa irratti hojjetu pirojektii ‘SUNCASA’ kan Araddaa Ija- Aannaniitti hojjatamaa jiru, Buufata Gogaa Dirree Dhawaa, Buufata Daldala Bilisaa Dirree Dhawaa fi Jiddugala Tajaajilaa Tokkoo Masoob Dirreetti daawwanna gaggeessanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *