Hojiin misoomaa Birrii Miiliyoona 129 olitti shalagamu Hojii Tola ooltummaa Ji’oota Gannaan raawatamuun ibsame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti bulchiinsatti “Tola Ooltummaan Olka’iinsa Itoophiyaaf’’ mataduree jedhuun hojii Tola Ooltummaa Dargaggoota ji’oota Ganna bara 2016 Hojiin misoomaa Birrii Miiliyoona 129 olitti shalagamu Hojii Tola ooltummaa Ji’oota Gannaan raawatamuun ibsame.

Sagantaa Beekamtii fi Galateefa hojii Tola ooltummaa Dargaggoota Ji’oota Gannaa 2016 ilaalchisuun kurfii gaggeefame irratti haasaa Kan taasisan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti hojii Tola ooltummaa Laammiiwwan kum 296 fayyadamoo taasisuun Birrii Miiliyoona 129 olitti shalagamu Fayyadamoo gochuun danda’ameeraa jedhan.

Koomishinariin Koomishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid Mahammad Gama isaaniin hojii Tola Ooltummaa ji’oota Ganna bara 2016

” Tola Ooltummaa Olka’iinsa Itoophiyaaf’’ mataduree jedhuun gaggeefamaa tureen

Gosa Hojiiwan kudha Afuriin hojjatamaa turuu fi kanaaniis Dargaggoonni kum 98,700 ol’ hirmaachuun hawaasa kum 296 fayyadamoo taasisuun danda’ameeraa jedhan.

Waltajjii kana irratti Dhaabilee fi Namoota Tajaajila Tola Ooltummaan Raawwii fooyya’aa galmeessaniif beekamtii fi badhaasni Kan laatameera.

Waltajjicha irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsaa fi Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa fi akkasumaas Gaggeessonni Aanaalee Magaalaa fi Baadiyyaa dabalatee qaamoleen ga’ee fi waamichi taasifameen hirmaataniiru.

Haaluma walfakkaatuun Waltajjii kana irratti jalqabbiin hojiin Tola Ooltummaa ji’oota Bonaas labsameera.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *