Fooramiin Dargaggoota Gaafa Afrikaa Dirree Dhawaatti gaggeefamuun faayidaa guddaa akka qabu ibsane .

“Nageenya Waaraa Siransuu fi Faalama Jijjiirama Qilleensaa, Furmaata isaanii mata duree jedhuun” Fooramii Dargaggoota Gaafa Afrikaa Dirree Dhawaatti gaggeefamaa jiru irratti argamuun haasawa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Fooramiin Kun Nageenya Waaraa Naannawichaa mirkaneessuu irra darbee Kaka’uumsa Dargaggoota Dirree Dhawaatiif murteessaadhaa jedhan.

Waltajjiin Fooramii Dargaggootaa kun Magaalaa teenya Dirree Dhawaatti gaggeefamuun isaa Dargaggoota Bulchiinsa keenyaa kakaasuu dhimmoota ijoo irratti waliigaltee fi tokkummaa uumuuf faayidaan qabu guddaadhaa jedhan.

Dargaggoota biyyoota Gaanfa Afrikaa kan hirmaachise Fooramiin Dirree 2026 gaggeefamaa jiru kana irratti Dargaggoonni Biyya Jabuutii, Soomaalilaad, Soomaaliyaa Suudaan Kibbaa, akkasumaas Bakka Bu’oonni IGAD, Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamoleen gara garaa hirmaataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *