Sagataan Jalqabsiisa Misooma Sululaa Qindaawaa Mataduree “Misooma Sululaa Qindaawaa Ji’oottan Bonaa Milkaa’ina Cehumsa Qonnaatiif! Jedhuun Araddaa Harillaatti Gaggeeffame.

Bulchinsa Dirree Dhawaa Kilaastara Waahel Araddaa Harillaatti Sagataan Jalqabsiisa Misooma Sululaa Qindaawaa Bara 2018 Mataduree “Misooma Sululaa Qindaawaa Ji’oottan Bonaa Milkaa’ina Cehumsa Qonnaatiif! Jedhuun Gaggeeffame.

Sagantaa kanarratti argamuun haasaa baninsaa kan taasisan Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh

Misoomni Sululaa Qindaawaan bara kanaa qabxiilee ijoo shan bu’ura godhachuun kan hojjetaman ta’uu keessumattuu hojii kunuunsa biyyoo , bosonaa, bishaa, akkasuma nyaata looniif oomishaafi omishtummaa mirkaneessuuf hojii qonnaa misoomsuurratti xiyyeeffachuun kan hojjetamuufi halkaniif guyyaa hojjechuudhaan hojiilee biroos qindoominaan hojjechuun adda durummaan akka xumuran abdii qaban dhaamaniiti jiran.

Obbo Harbii Buuh Itti dabaluudhaanis hojii misooma sululaa qindaawaa bara kanaatiin uwwisa bosonaa dhibbeentaa 3.7n dabauuf hojii eegumsa biyyoofi bishaanii Hektaara kuma 5fi 500 ol raawwachuuf karoorfamuu himanii kanaafimmoo jiraattonni araddoota baadiyyaa 38 kan dammaqinaan hirmaachuun kan milkeessuu qaban ta’uu dhaamaniiti jiran.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Qonnaa, Bishaaniifi Albudaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Mohammed Aammee gamasaaniitiin hojii Misooma Sululaa Kanaan dura hojjetamaniin bu’aawwan hedduun argamuufi keessattuu lava duraan adii turte deebissanii magariisa uffiuun dhiqamni biyyoo akka hir’atu taasifamuu Kanaan immoo jiraattonni Aanaa Waahel adda durummaan raawwii fooyyee galmeessaa turan baranas deebisanii akka galmeessan dhaaman.

Bulchaa Kilaastara Waahel Obbo Abdii Nuuree gamasaaniitiin hawaasa Araddaa Harillaa kan gaara adii tyre biqiltuu Waggoota lama dura dhaabaman guutumaa guututti akka guddatan taasisan galateeffatanii hojii Sululaa Qindaawaa baranaatiins adda durummaan akka raawwatan dhaamaniiti jiran.

Barsiisotaafi barattoota mana barumsaa harillaa dabalatee jiraattota Araddaa Harillaa kan yeroo adda adda biqiltuuwwan dhaabaman akka hingogne bishaan obaasuun guddisaniifi qaamota gumaacha taasisan Hundumaa galateeffataniiti jiran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *