Jiraattonni Dirree Dhawaa Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jirraa jedhan.

Filannoon biyyaalessaa Marsaa 7FAA Caamsaa 24, 2018 ni gaggeeffama; har’a jala bultii kana jiraattonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa guutuu dimokiraasii, nagaa fi bilisummaan sagalee kennuuf qophii guutuu ta’uu ibsaniiru.

Jiraattonni kunneenis yeroo seena qabeessa boru ganama sa’aatii 12:00 irratti buufatawwan filannoo banamuun itti gaafatamummaa lammummaa isaanii bahachuu fi hiree egeree isaanii harka isaaniitti murteessuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jiran ibsaniru.

Dubartoonni, dargaggoonni fi miseensonni hawaasa daldalaa yaada isaanii kennan mirga isaanii bilisaan fayyadamuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru.

Jiraattonni kunneen yaada kennaniin, sagaleen boru kennanis hundi ijaarsa aadaa dimokraatawaatiif murteessaa ta’uu hubachuun, ofitti amanamummaa guddaadhaan boru ganama eegaa akka jiran ibsaniiru.

Bulchiinsa guutuu keessatti haalli guutummaatti tasgabbaa’aa fi nagaa ta’e akka jiru, ummanni boru ganama sa’aatii 12:00 irratti buufata filannoo irratti argamuun hirmaannaa dimokiraasii bilchaataa qabu agarsiisuuf carraa hawwii guddaan eeggachaa akka jiru jiraattonni kun irra deebi’anii ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *