Rakkoolee Hanqina Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii hir’isuuf tumsi hawaasa hundaa murteessaadha jedhan.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh waltajjii marii Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsaa Gaggeesota Gurmaa’iinsa Bilookii Aanaa 03, 04, 05 fi 06 waliin sababoota Hanqina Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa fi Rakkoolee kana hir’isuuf hawaasni faalamaa fi Qisaasama bishaan Dhugaatii haala irrisuuf shoora gumaachuu qaban irratti marii gaggeefame irratti Rakkoolee Hanqina Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii hir’isuuf kallattii hojii fuula duraa kan kaa’an Obbo Harbiin akka jedhanitti sababoota Hanqina Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa keessaa inni tokko akka malee Qisaasama bishaan Dhugaatii ti jedhanii kanaas furuuf haawaasni shoora hawaasni gumaachuu qabaniis ibsan.

Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Rakkoolee Dhiyeessan Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa waliin walqabata iin jiran furuuf keessattuu Ujumoowan bishaanii iddoolee gara garaatti dhoo’uun bishaan dhangalaasan hawaasni eeruu laachuu fi Bishaan qusannaan fayyadamuun Rakkoolee Dhiyeessan Bishaan Dhugaatii Dirree Dhawaa waliin walqabatan furuuf haawaasni shoora gama isaa gumaachuun qabaa jechuun Hojii Raawachiisan Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Mahamad Muussee ibsan.

Obbo Mahamad kana kan ibsan waltajjii Marii Abbaan Taayitaa Bishaanii fi dhangala’aa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ejansii Misooma Naannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa waliin ta’uun haala fayyadamiinsa Bishaanii fi Rakkoolee bulchiinsa gaarii damee kanaa irratti Gaggeesota Gurmaa’iinsa Bilookii waliin marii Gaggeefame irratti ibsan.

Waltajjii kana irratti kan hirmaatan Hojii Aanaa 04 ObboUsmaa’il Abdulaxiif faalamaa fi Qisaasama bishaan Dhugaatii hir’isuuf hunduu shoora gama keenyaa bahuu qabnaa jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *