Yaa’ii Idilee Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Gaggeessuu jalqabe kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar gabaasa raawwii Ji’oota Jahan dabranii kan dhaabbilee Raawwachiiftootaa Mana marichaaf dhiyeessanii jiru.
Kantiibaa Kadiir gabaasa raawwii Hojii Ji’oota jahan dabranii dhiheessaniin Roga hojiilee misoomaatiin fayyadamtummaa hawaasaa mirkaneessuun xiyyeeffannaan hojiiwwan raawwataman miseensoota mana mariichaatiif dhaleeysanii jiran.


