Biiroo hoji gaggeeysaa magaalaatti Ejensiin Misooma hirmaannaa hawaasaa Aanaa 02 waliin tahuun daandii hadiida Gooroo hanga Bahar geellee gahu kan kiiloo meetira tokko tahu hirmaannaa hawaasaatiin hojjachuu eegale.
Ejensii misooma Naannoo fi hirmaannaa hawaasaa bu’uraalee misoomaa hawaasa fayyadan yeroo garagaraatti hojjachuudhaan beekama.
Ejensichi aanaa 02’tti hojii daandii kiiloo meetira takkaa hadiida Gooroo hanga Bahar Gelee uwwisu iddoo ittii gaafatamaqn waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuf arkamanitti eegalchiisee jira.
Sagantaa hojii daandii eegalchiisuu kanarratti hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuf haasawa taasisaniin hawaasa tokkoof tajaajilli daandii diriirsuu murteessaa tahuu himanii, mootummaan bulchiinsa Dirree Dhawaatiis bu’uuraalee misoomaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuudhaan akkuma kanaan duraatti Waliin gahinsa isaatiif cimee kan hojjatu tahuu ibsan.
Itti dabaluun obbo Ibraahim, gaafileen gama tajaajila bu’uraatiin walqabatee hawaasa biraa ka’an dhawaata dhawaataan kan furamu tahuu eeranii gaafilee kana guutuu guututti deebisuuf ammoo hirmaannaan Hawaasaa yeroo kamuu caalaa murteessaa tahuu mirkaneeysanii jiran.
Itti gaafatamtuun Ejensii misooma hirmaannaa hawaasa aadde Rahiimaa Awwal gama isaaniitiin, hojiin ijoo ejensii isaanii bu’uralee misoomaa hirmaannaa hawaasaa jiddu gala godhachuun kan hojjachaa jiraachuu kaasanii, gaafii jiraattonni aanaa 02 daandiin walqabatee kaasan deebisuuf duursa kennuun hawaasa waliin tahuudhaan daandii kiiloo meetira tokko uwwisu hojii ifatti jalqabuu dubbataniiti jiran.
Hoji gaggeeysaan aanaa 02 injiinar Abeel Misraaq akka himanitti daandileen hirmaannaa hawaasaatiin hojjatamuu eegale kun tajaajila rakkoolee daandii Ganda keessatti muullatan furuu keeysatti faayidaa guddaa kan qabu tahuu eeranii, rakkoolee kanaan dura sababa daandiin dhabuutiin hawaasarra gahaa ture gama hanbisuutiin hojiin Ejensiin misooma hirmaannaa hawaasaa hojjate kan jajjabeeffamu tahuu himan.


