Walitti qabduun Koree dhaabbii dhimma misooma magaalaa, konistiraakshinii fi bulchiinsa magaalaa mana marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoon Aadde Beezaa Damtoow akka jedhanitti waldaaleen manneen waliin jireenyaa keessatti gurmaa’an naannoo isaanii qulqulluu, magariisa fi miidhagsuu akka qaban dubbataniiru.
Manneen waliin jireenyaa keessatti hojiiwwan qulqullinaa fi kana fakkaatan hundaaf itti gaafatamummaa mootummaan mootummaa qofa osoon hin kan hawaasa manneen waliin ta’uu akkasumaas jiraattonni manneen waliin jireenyaa hundi itti gaafatamummaa fudhachuu fi mootummaa waliin qindoominaan mooraa isaanii miidhagsuu fi fayyaa hawaasaa eeguun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.
Manneen kondominiyeemii bulchiinsaan baasii guddaadhaan ijaaraman erga jirattoonni erga seenanii booda balfa jajjaboo fi bishaan xuraa’aa gatuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabufi koreewwan mannneen waliin jieenyaa keessa jiran waldaalee waliin qindoominaan naannoo isaanii qulqulleessuu akka qabu ibsaniiru.
Koreen dhaabbataa kun qaamolee seera kondominiyeemii cabsan irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu cimsee kan ibssuun manneen waliin jireenyaa suphamuu fi haalluu barbaachisuu dibamuu akka walitti qabduun koree dhaabbi dhimma misoomaa,magaalaa,konistiraakshiniifi bulchinsa magalaa kabajamoon Aadde Beezaa dubbataniiru.


