Kana waliin dirree kaayyoo hedduu qabu Komishinii Ispoortii bakka hoggantoonni olaanoo Dirree dhawa, maatiin isaa, michootni ogummaa fi jiraattonni magaalaa Dirree dhawaatti argamanitti sagantaa nagaa gaggeessuun, sirni awwaalcha isaa Waldaa Abbaa Waaqayyootti raawwatameera.
Sirna awwaalchaa kanarratti kan dubbatan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree dhawaa Kabajamoo Kadir Johar du’a Dr.Abel Melkamu irratti gadda guddaa qaban ibsaniiru. Dr. Abeel nama kabajaa, ciminaa fi ummata isaa tajaajilu akka ta’e dubbataniiru.
Kabajamoo Kantiibaan itti dabaluudhaan, Dr. Abeel irraa wantoota barbaachisoo hedduu barachuu dandeenyu akka jiru dubbataniiru.
Dr. Abel Dirree dhwaan onnee isaa irraa hiriyyaa waan tureef ogummaa isaa dabalatee waan qabu hundaan ummata fayyada turuu kasaniru.
Dr. Abeel yoomiyyuu onnee keenya keessa kan jiraatu yoo ta’u, kantiibaan kabajamaan kun yeroo hunda akka yaadatamuuf buufanni fayyaa maqaa isaaniitiin akka moggaafamu dubbataniiru.
Dhumarratti Kabajamoo Kantiibaa bulchiinsa dirree dhawa obbo Kadir Johar hawaasni kamuu hojii gaggaarii Dr. Abeel ogummaa hundaan akka fakkeenyaatti hordofuu akka qabu dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
Itti gaafatamtu Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Dr. Tsgereda Khifle gama isaaniitiin Dr. Abeel doktora dhukkubsattoota isaan qunnaman hunda akka maatiitti yaalu fi waan qabu ummata isaaf qoodu ta’uu ibsaniiru. Du’aan boqochuu isaatiin qalbiin keenya cabe maatif fira isa hunda keenya haa jajjabeessu jedhe.
Muktar Ahmadiin
Suura Aganyahu Shawaraggaa
Yeroo mara፦ Waan nuu waliin jirtaniif Galatoomaa! Ulfaadhaa!!


