Kallattii paartiin badhaadhinaa Sadarkaa biyyooleeysaatti ”wa’adaa hanga Aadaa” jechuun hojiilee hawaasaaf hojjachuuf wa’ada seename qabatamaan dhugoomsuudhaaf kaayameen bulchiinsa Dirree Dhawaattiis hoggansi jijjiiramaa akkuma gama hojiitti galeen dhimmoota dursa kennee irratti xiyyeeffachuun hojjate keeysaa dhimmi nageenyaa hawaasaa mirkaneeysuu isa tokko ture.
Dhimma kana ilaalchisuun ibsa kan laatan kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar hojiilee nageenya hawaasaa amansiisaa taasisuuf hojii hojjatameen olaantummaa seeraa kabachiisuu, humna poolisaa cimsuufi ayyaanotni hordoftoota amantaa hundaa tokkummaadhaan miira jaalalaatiin akka kabajamu taasifamuusaatiin duudhaa jaalalaafi wajji jireenyaa hawaasni Dirree Dhawaa durirraa eegalee ittiin beekkamu deebisuu ibsan.
Nageenya Dirree Dhawaa waarsisuudhaafi magaalaa Dirree Dhawaa ‘smart city’ taasisuudhaaf iddoolee garagaraatti kaameraa iccitii dhaabuudhaan namoota yakkoota garagaraa yeroo adda addaatti hojjachuu malan saaxiluudhaaf hojjachaa jiraachuufi halkaniis dukkana dahoo godhachuudhaan yakki akka hin raawwanneef ifaan diriirfamuu kan kaasan yoo tahu, tajaajilli geejjiba halkaniitiifi hojiin kominiitii poolisiingii iddoo maratti hojiirra ooluudhaan nageenya magaalaa teenyatti uumameef gumaacha olaanaa taasisuu dubbatan.
Kantiibaa Kadiir itti dabaluudhaan, nageenya hawaasa baadiyyaa bulchiinsaa amansiisaafi itti fufinsa qabu taasisuudhaaf hojiin humna milishaa kuma lama leenjii eegumsa nageenyaa kennuufiin eeybisiisuudhaan gandoota baadiyyaa mararratti ramaduudhaan gara hojiitti galchuu hojjatamee jiraachuu dubbataniiti jiran. Gama biraatiin naanoolee ollaa Baha Itoophiyaa waliin qindaahuudhaan waggatti waltajjii waloo dhimma nageenyaa irratti kan taasisan tahuu isaatiin baha Itoophiyaatti nageenyi amansiisaan akka jiraatu taasifamee jira jechuun dubbatan.
Dirree Dhawaan jiddu gala industiriifi daldalaa tahuu isiitiin konkolaattonni baay’een guyyatti qaxxaamuruudhaan gara jiddu gala biyyattiitti galteewwan guddina biyyaatiif oolan kan deddeebisan waan taheef, Nageenyi Dirree Dhawaatiifi baha biyyattii amansiisaa tahuun Dirree Dhawaafi baha biyyattii qofaaf osoo hin tahin, guddina biyyaatiifiis qooda guddaa qabaachuu eeranii, nageenyi amansiisaan kun akka dhufuuf qaamolee gahee isaanii bahatan maraafi addatti immoo hawaasa bulchiinsaa galatoomfatanii jiran jiran.
Hojiileen bal’aan roga garagaraatiin nageenyi bulchiinsaa akka mirkanaahuufi waarinsa qabaatuuf hojjatame kun Dirree Dhawaan sadarkaa biyyooleeysaatti magaalaa nageenyaa tahuudhaan konfaransii nageenyaa kan jalqabaa yaa’ii abbootii amantaa Itoophiyaatiin bulchiinsatti qophaayeen magaalattiin maqaa ulfinaa ambaasaaddara nageeynaa tahuudhaan beekkamtii kan argatte tahuufi kanaaniis badhaafamuu dubbataniiti jiran.
Hojiilee roga nageenyaatiin bulchiinsi hojjatee milkaa’ina olaanaa ittiin argate kana hoggansummaadhaan duuba kan jiran kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar konfaransii nageenyaa yaa’iin abbootii amantaa Itoophiyaa Dirree Dhawaatti yeroo jalqabaatiif qopheeysan irratti ambaasaaddara nageenyaa tahuudhaan kan badhaafaman tahuuniis ni yaadatama.


