Woorkishoopiin Dhibee Sammuu irratti xiyyeefate Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti gaggeefame.

Qindeessummaa Faawundeeshinii Alii Birraatiin Jilli Garee Tola Ooltotaa fi Ogeeyyii Fayyaa kan Biyya Ameerikaa kutaa Menisoottaa irraa dhufan Yuunivarsiitii Dirree Dhawaattii waliin ta’uun Woorkishoopii Dhibee Sammuu irratti Barruun Qorannoo Baallii Sammuu hadoochaan Itoophiyaatti Miidhaa

Dhibee Sammuu geesisaa jiru, Dhibee Sammuu Daa’immanii fi Dhibee Sammuu Dargaggootaa kan xiyyeefate Barreefamni Qorannoo Yuunivarsiitii Menisoottaa tan biyya Ameerikaa Barsiisaa kan ta’ee fi Garee Tola Ooltotaa fi Ogeeyyii Fayyaa Faawundeeshinii Alii Birraa waliin kan dhufe Pirofeesar Musxafa Al Absii dhiyaateera.

Woorkishoopii kana irratti barruuwan Qorannoo sadi dhiyaatanii mariin irratti gaggeefameera.

Woorkishoopiicha irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa, bakka bu’oonni Dhaabbilee ga’ee irraa dhufan dabalatee keessummoonni afeeraman hirmaataniiru.

Hospitaala Rifaraala Jidugala Barnootaa kan Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti jidugalli Wal’aansa Dhibee Sammuu laatu hojii jalqabee laachaa jiru Pirezidaantii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Adamii fi Pirofeesar Musxafa Al Absii dabalatee Koreen miseensota maanaajimantii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa daawataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *