Eebba Hidha Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa ciminaa fi tokkummaa Ityoophiyaanotaa addunyaatti kan agarsiiseera jedhan

Eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisuun Agarsiisa Suuraa gaggeeffamaa jiru irratti Gaggeesota mootummaa daawachaa jiran kan yaada nuuf laatan akka jedhatti xumuramuun hidhi haaromsa guddichi Itiyoophiyaa ciminaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa addunyaatti agarsiiseera jedhan.

‎agarsiisa suuraa kanarratti Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Mohaammad Amiin Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa murtoo ogummaa hooggantoota keenyaa, tokkummaa, ciminaa fi wareegama ummata keenyaa, fi yaada tokkummaatiin ijaarame, injifannoo keenyaaf utubaa ifaa ta’uu ibsaniiru.

‎Bara 2018 bara haaromsi Itiyoophiyaa itti jalqabdu waan ta’eef xumurri qabsoo gama hundaan yeroo injifannoo akka ta’u dubbataniiru.

‎Namootni yeroo dorgommii suuraa irratti hirmaachaa jirru wal argine akka jedhanitti, yeroo tokkummaan Itoophiyaaf waliin dhaabbannu sabboontota ta’uu keenya kan mirkaneessu mallattoo waloo keenya ta’uu ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *