Karoora waliigala hojii irra oolmaa dhaabbilee Riifoormii dhaloota 3ffaa bulchiinsatti itti eegalamee irratti Koreen ijoon bulchiinsaa Guyyaa 15tti raawwii hojii madaaluun, kallattii irratti kennaa jiraachuun kan beekamuudha.
Marsaa qophii geggeefamaa jiru keessatti sadarkaa raawwii Riifoormii irratti Miseensotni Koree Teknika haaromsa raawwii dhaabbilee gara garaa madaaluun kallattii itti aanu kaa’aniiru.
Kallattii koreen teeknikaa raawwii haaromsaa koreen raawwii haaromsaa guyyoota 15 dura kaa’e bu’uura godhachuun, koreen teknikaa kan raawwii haaromsaa Riiformii bulchiinsaa kallattii raawwii haaromsaa kaa’e irratti hundaa’uun, muuxannoowwan magaalaa Adaamaa fi Finffinnee irraa fudhatamanitti fayyadamuu Bulchiinsa magaalaa Finfinnee haala qabatamaa magaalaa teenyaa waliin walsimsiisuun Gabaasa Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa kan Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Daarektarri Daayirektoreetii Hordoffii fi Deeggarsa Raawwii hojii Riifoormii Obbo Tewodroos Bochureef dhiheessuun marii bal’aa irratti geggeessaniiru.
Walumaagalatti raawwiin hojii Riiformii dhaabbilee hanga ammaatti marsaa qophii keessatti sadarkaa Irra ga’e irratti hundaa’uun, ciminaa fi hanqinoota jiran gabaasa keessatti bal’inaan kan ibsame yoo ta’u, itti aansuunis karoora hojii raawwii hojiiwwan haaromsaa marsaa qophii ji’a tokkoo kan kallattii hojii raawwii Riifoormii haaromsa dhaabbilee dhaloota 3ffaa bu’ura Komishiniin Siivil Sarvisii Federaalaa kaa’e irratti hundaa’uun qophaa’e, akkasumas koreef Akka dhiyaatuuf kallattiin kaa’meera.
Marii waa’ee tarkaanfiiwwan itti aanan booda, akka karooraatti, marsaa qophii keessaa xumuruuf jecha ji’a tokko miseensonni koree teeknikaa raawwii haaromsaa dhaabbilee gara Inistiitiyuutii Manaajimantii Diree dhawaatti deemuun hojii xumuruu akka qaban Harbi Buh, Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Diree dhawaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa,Industirii fi Invastimantii, hoggantootaa fi ogeeyyii dhaabbileen itti gaafatamummaa seena-qabeessa isaanii bahachuuf waan barbaachisu hunda gochuun haaromsi damee kanarratti jijjiirama hundee fiduuf jalqabame bu’aa barbaadamu akka fiduu ta’uuniis ibsameera.


