Paartiin Badhaadhinaa “Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti Mataduree” jedhuun Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03tti Sagantaa Bunaa Buna Dhugaatiin Duula na filadhaa gaggeesse.
Waltajjicharratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruk Warqineeh Paartiin Badhaadhinaa Waadaa ummataaf seene gochaan agarsiisuudhaan bu’qabeessummaasaa kan mirkaneesse ta’uu ibsan.
Waggoottan jijjiiramaa dabran keessatti qormaatawwan hedduu oobsaan cehuudhaadhaan roga dinagdee,hawaasummaa,siyaasaafi dippiloomaasiitiin milkaa’inoota gurguddaa galmeessaa jiraachuu Obbo Biruk ibsaniiti jiran.
Dabalataanis Paartichi piroojektoota misoomaa guddina biyyattii milkeessan gurguddaa hojjechuu kan eeran Obbo Biruk Warqineeh yaada Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad burqisiisaniin hojiin misooma koriidaraafi magaala miidhagsuufi haaromsuu jireenya ummataa jijjiiruurratti shoora olaanaa kan qaban ta’uus himan.
Akka Bulchinsa Dirree Dhawaattis nageenya lammiileefi naannichaa waaraa uumuurratti ,roga industirii babal’isuurratti, carraa hojii babal’isuurratti, hojjiileen jajjabeessaan hojjetamuufi Aanaa 03 ttimmoo hojiileen misoomaa baay’een hojjetamaa jiraachuu Obbo Buruk kan dubbatan yommuu ta’u fuulduraafis hojiileen misomaafi badhaadhina biyyattii gumaacha olaanaa qaban jalqabamuun hojjetamaa jiraachuufi kanammoo akka itti fufu paartichi deeggarsaafi tumsa ummataafi tokkummaa lammiilee kan barbaaduu ta’uusaatiin filannoo Marsaa 7ffaarratti mallattoosaa Nadoo qamadii akka filatan waamicha dabarsaniiti jiran.
Hojigaggeessaa Aanaa 03 kan ta’an Obbo Mitikkuu Hunenyaa gamasaaniitiin nadoon qamadii mallattoo tokkummaa, ciminaafi waloominaa ta’uu eeranii Paartii Badhaadhinaa filachuudhaan hojiileen misoomaa jalqabaman akka milkaaa’aniifi imalli badhaadhinaa akka galma gahuf nadoo qamadii filadhaa jechuun waamicha dabarsaniiti jiran.
Dhumarrattis kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun mana marii bulchinsaaf dhihaatan waliin sagantaan wal barsiisuu gaggeeffameeti jira.


