Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hojiilee Misooma Sululaa Qindaawaa Baranaa iin Lafa Heektaara Kuma 460 ol Uwwisuun danda’amuun ibsame.

Hojiilee Misoomaa Sulula Qindaawaa Bara 2016 Gurraandhala 5, 2016 irraa Eeaglee guyyoota 18’f Araddoota Baadiyyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hundatti gaggeeyfamaa ture ilaalchisuun waltajjiin gabaasa goolabbii hojiilee misooma sululaa bara kanaa bakka kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar argamanitti gaggeeyfamee jira.

Waltajjicha irratti argamuun haasawa baninsaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar barana Araddoota hundatti hojiin jajjabeessaan hojjatamuu eeranii akkaataa hojii hojjataniin Araddoota raawwii gaarii galmeeysaniif badhaasaa fi beekkamtiin kan kennamu tahuu ibsanii jiran.

Gabaasa waliigalaa kan dhiheeysan hogganaan biiroo Qonna, Bishaan, Albuudaafi Inarjii bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Nuuraddiin Abdallaa qophiirraa kaasee hojii qindoominaan hojjatameen misooma sululaa qindaawaa bara kanaatiin hojiin gaariin hojjatamuu addeeysanii jiran.

Obbo Nuuraddiin itti dabaluuniis hojii misooma sululaa bara kanaatiin gama ooyruu qonnaan qonnaaf qopheeysuutiin, Jallisii Irkanii hidhuu Manneen dadhabaa ijaaruufi haarayoomsuutiin gama fayyaatiin, keeysattuu gama Inshuraansii fayyaa hawaasaatiin, gama bishaan boollaa qotanii baasuun akkasuma gama qulqullina Naannootiin, roga barnootaaniis hanqina daree barnootaa mul’atan furuuf manneen barnootaa adda addaatti daree dabalataa gama ijaaruutiin, raawwiin gaariin galmaawuu eeranii, misooma sulula qindaawaa bara kanaatiin lafa heektara kuma 5 fi dhibba 5 fi 50 uwwisuuf karoorfame keessaa lafa heektaara kuma 4 fi dhibba 6 fi 62 uwwisuun danda’amuu fi kuniis raawwiin isaa dhibbeentaa 84 tahuu dubbatan.

Hojii misooma sululaa qindaawaa baranaatiin tattaaffii jireenya qotee horsiisee bulaa jijjiiruun hawaasa hirkattummaaarraa baasuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf hojiin bu’ura tahuu danda’u hojjatamuu kan dubbatan obbo Nuuraddiin hojii hojjatameen dhiqama biyyee dhibbeentaa 3.1’tti gad irrisuun danda’amuu eeranii, biyyee sababa gaalaatiin dhiqamuu malu toonii 40,800 dhiqamarraa oolchuun danda’uu erga himan booda hojiilee misooma sulula qindaawaaa bara kanaa milkeessuu keeysatti hirmaannaan hawaasaa iddoo olaanaa waan qabuuf carraa kanaan hawaasa keenya galateeyfachuun barbaada ja’an.

Xumura sagantichaarratti kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar kilaastara hundatti hojiin gaariin hojjatamuus akkaataa ulaagaa madaallii kaayameetiis Araddoota Kilaastaroota hundarraa raawwii gaarii tahe galmeeysuudhaan sadarkaa tokkoo hanga 3 bahan ifoomsanii jiran.

Haaluma kanaan Kilaastara Qal’aad irraa Araddaan Laga Diinii raawwii gaarii tahe galmeeysuun 1ffaa yoo bahan, Araddaan Ciree Mixii fi Araddaan Qal’aad 2ffaa fi 3ffaa bahanii jiran.

Kilaastara Hassallisoorraa Araddaan Ganda Rigee 1ffaa,Araddaan LagaDool 2ffaa,Araddaan Hassallisoo 3ffaa bahuun ibsamee jira.

Kilaastara Biyyoo Awwaalleerraahiis, Araddaan Awwaallee sadarkaa 1ffaa yommuu bahan, Araddaan Qaallichaa fi Araddaan Adaadaa wal duraa duubaan 2ffaa fi 3ffaa bahuun waltajjii kanarratti ibsamee jira. Kilaasatara Waahel irraahiis Araddaan Laga Odaa Gunnuunfata 1ffaa yoo bahu, Araddaan Halloo Busaa 2ffaa, Araddaan Waahel 3ffaa bahuun ibaamee jira.

Guyyaa boruu ammoo Kilaastaroota hundarraa Araddoota filatamanitti sagantaan beekkamtii fi badhaasaa kan kennamu tahuun ibsamee jira.

Waltajjii kanarratti Kantiibaa Kadiir Juhaar fi itti gaafatamaa Biiroo Qonna, Bishaan, Albuudaafi Inarjii Obbo Nuuraddiin Abdallaa dabalatee hoggantoonni araddootaa fi kilaastarootarratti ramadamanii hojii sululaa qindaawaa baranaa gargaaraa turan akkasumaas hoggantoonni Kilaastarootaa argamanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *