Tajaajila Faaynaansii dijitaalessuudhaan Bulchinsa Dirree Dhawaa dabalatee Naannoo Harariifi Somaalee hawaasa baadiyyaafi Magaalaa tajaajila faaynaansii saffisaafi ariifataa kennaa kan jiru Dhaabbanni Liqiifi Qusannaa Dirree guyyaa har’aa dameesaa biroo Ganda Garaadaatti eebbisiiseeti jira.
Dhaabbatichi dameewwan Isaac Aanaalee baadiyyaafi Magaalaa Dirree Dhawaatti babal’isuudhaan tajaajila faaynaansii jiraattota Bulchinsaa waliingahaa jiraachuu kan ibsan Hojigaggeessaa Olaanaa Dhaabbatichaa Obbo Tashoomaa Abbabaa Boordiifi Hojjettoota dhaabbatichaa waliin ta’uudhaan tajaajilli liqiifi qusannaa jiraattota Bulchinsaa akka dhaqqabuuf dameewwan dhaabbatichaa babal’isuurratti ciminaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Dhaabbatichaa dameewwansaa babal’isuudhaan bira dabree tajaajilicha teeknolojiiwwan ammayyaatiin deeggaramuun saffisaa ai ammayyaawaa taasisurratti xiyyeeffannaa guddaan kan hojjetu ta’uu Obbo Tashoomaan dubbatan.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Aganyahu Shawaaraggaa


