Koreen Dhaabbii Misooma Magaalaa, Konistiraakshinii fi Dhimma Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa raawwii karoora ji’oota 6 ji’oota 6n dabree ilaalchisee waajjira hojii adeemsisaa magaalaa guyyaa har’aa Daawwannaa dirree gaggeesseen hojiiwwan hojjetaman irratti hundaa’uun bakka hogganaan Waajjira hojii Adeemsisaa magaalichaa fi hoggantoonni dhaabbilee dhimmi ilaallatu jiranitti mari’ateera.
Itti gaafatamaan Waajjira hojii adeemsisaa magaalaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Injinar Jamaal Ibraahim, hoggantoota dhaabbilee dhimmi ilaallatu, fi koree dhaabbii dabalatee raawwii karoorichaa irratti marii bal ’aa gaggeessuun,ciminaa fi hanqinaalee mul’atan irratti hanqinalee mu’atan irratti akkaataa itti furamu qaburratti akkasumaas cimina jiru itti fufsiisuun akkaataa danda’amurratti marii bal’aa godhaniiru.
Walitti qabduun Koree Dhaabbii Misooma Magaalaa, Konistiraakshinii fi Dhimmoota Bulchiinsa Magaalaa Kabajamtuu Aadde Beezaa Daamtoow, Manaajara Magaalaa fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu yaada kenname hojiirra oolchuu fi adeemsa qindoomina galii sassaabuu irratti cimsuu akka qaban dubbataniiru.


