Jilli pireezidaantii itti aanaa naannoo Somaalee obbo Ibraahim Usmaaniin durfamu yaa’ii koongirasii UNESCO 19ffaa Paaraguwaayitti taa’ame irratti hirmaate heera Aadaa Hawaasa Iissaa Heer Iissee Yuuneeskootti Galmeeysuun Sanadaan deebi’eef Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Simannaan Taasifameeti jira.
Jilli kun weeyta buufata xiyyaaraa idil addunyaa Dirree Dhawaa gahutti kabajamoo kantiibaa bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar, Afayaa’ii Mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aadan, Itti aanaa Kantiibaa Obbo Harbii Buuh, itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee hoggantoonni olaanoo bulchiinsaa akkasumaas,Ugaasonni, Abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, manguddoonni biyyaa argamuudhaan simannaa taasisaniifii jiran.
Kanatti aansee sagantaan walharkaa fuudhinsa sanadichaa bakka miseensonni hawaasa Iissaa keeysummoonni afeeraman argamanitti mana Ugaas Musxafee mahammaditti gaggeeyfameeti jira.
Kantiibaan bulchiisa Dirree Dhawaa sagantaa kanarratti argamuun erga dabarsaniin heerii aadaa hawaasaa IIssaa Hambaa Killayyaa Itoophiyaa Tahee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii Fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’tti Galmaawuun isaa tiin gammachuu itti dhagahame ibsanii, qaamolee hambaaan kun addunyaatti akka galmaa’uuf tattaaffii taasisan hunda galateeyfachuun, ummanni keenya kan Itoophiyaa, Jibuutii fi Somaaliyaa baga gammaddan ja’an.
Itti dabaluudhaan Hawaasni Iissaa heerii hawaasa IIssaa Jaarraa 16ffaa irraa eegalee jalatti walitti qabamuudhaan heera dhala hariiroo isaanii cimsatanii waldandahuun waliin jiraachuuf isaan dandeeysise waggoota 500 oliif itti tajaajilamaa ture kun kabajaa fi beekkamtii isaan malu argatee hambaa killayyaa addunyaa tahee Yuuneeskootti galmaawuun isaan heera aadaa haqa qabeeysa hawaasa biyyoota gaanfa Afrikaa sadi walitti hidhee fi hariiroo biyyootaacimsuuf gargaaru waan taheef dhaloonni kunuunsuun turiisuu qaba ja’anii jiran.
Jila Itoophiyaa yaa’ii Yuuneeskoorratti hirmaate kan dursan itti aanaan Pireesidaantii naannoo Somaalee Obbo Ibraahim Usmaan sagantaa kanarratti argamuudhaan Heer Iisseen Sadarkaa addunyaatti beekkamtii argachuun nageenya naannawaatiif faayidaa olaana qaba ja’an.
Sanadni heerri Aadaa hawaasa iissaa kan saba Somaalee Yuuneeskootti galmaawuu mirkaneeysu bakka kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamaoo obbo Kadiir Juhaar fi hoggantoonni olaanoo bulchiinsaa biro argamanitti Ugaasa iissaa Ugaas Musxafee Mahammadiif dabarfamee laatamee jira.
Abdii Adamiin
Aganyahu Sgawaaraggaa


