Kenninsa Murtii Seera Dijitaaleyzuuf Hojiileen Hojjetamaa Jiran Jajjabeessaa Ta’uun Ibsame.

Waltajjiin Seera-Hiiktotaa Biyyooleessaa Magaalaa Dirree Dhawaatti Bakka Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Kabajamoo Obbo Teedroos Mihrat dabalatee Pirezidaantoonni Manneen Murtii Naannooleefi qooda-fudhattoonni argamanitti Gaggeeffame

Bakka Buutuu Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaafi Hoggantuu Biiroo Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mohammed Haasaa baninsaa taasisaniin keessummootaf ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniiti jiran hojii kenniinsa Murtii haqaa teeknoolojii dijitaalaan deeggaramuu kennamaa jiraachuufi dabalataanis Manneen Murtii aadaafi shari’aas babal’isuun Ummanni Murtiiwwan kennamanitti quufinsa akka qabaatan hojiileen jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Kabajamoo Obbo Teedroos Mihrat gamasaaniitiin Manneen Murtii dijitaaleessuun kenninsa murtiifi haqaa loogummaafi malaammaltummaarraa bilisa ta’e kennuurratti shoora olaanaa kan qabu ta’uu eeranii Manneen Murtii dijitaalessuurratti muuxannoowwan gaggaarii Manneen Murtii federaalaafi naannoolee tokko tokkotti hojiirra oolan naannoolee birootti babal’isuuf konfaransiin kuni gumaacha kan qabu ta’uu dubbatan.

Kabajamoo Obbo Teedroos Itti dabaluudhaanis hojiileen Manneen Murtii dijitaalessuufi cimee akka Itti fufu dhaamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *