Fayyadamummaa Diyaaspooraawwan Dhalattoota Dirree Dhawaa Mirkaneessuun Akka Danda’uuf Odeeffannoo Barbaachisoo Ta’an Sassaabuun Kan Barbaachisu Ta’uun Insane.

#DGC Sadaasa 19/2017

Waajjira Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Daayreektoreetiin Dhimmoota Diyaaspooraa Mataduree “Diyaasporaa Maappingifi Hojii Manajimantii Piroojektii Sassaabbii Ragaa diyaspooraawwan Dhalatoo Dirree Dhawaa Manaa Manattii Aanaalee Magaalaafi Baadiyyaa Bulchinsa Dirree Dhawaattii gaggeeysuuf Qooda fudhattoota waliin marii gaggeeyse.

Daayreetarri Daayreektoreetii Dhimmoota Diyaaspooraa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Biniyaam Girmaa Waltajjii Marii Kana haasaan yommuu bananitti dhalattootaafi jaalattoota Dirree Dhawaa biyyoota alaa jiraatan odeeffannoo iddoo jireenya isaanii beekuudhaaf hojmaata qindaawaa ta’e diriiirsuufi bulchinsatti paakeejii manneen jireenyaa diyaaspooraarratti qooda fudhattoota walk-in Marii gochuun barbaachisaa ta’uu eeranii Kansan dura rakkooree walhubannaafi odeeffannoo ture furuuf karaa salphaa ta’een bakka jiraatanirraa dallaalotaan maletti odeeffannoo barbaachisu akka argachuu danda’an gochuuf bulchinsatti hojmaanni diriirfamee jiraachuu ibsan.

Obbo Biiniyaam itti dabaluudhaanis Diyaaspooraawwan Dhalatoo Dirree Dhawaa ta’an guddina akka bulchinsaattis ta’ee akka biyyaatti gaggeeffamaa jiru adda durummaan tumsaa jiraachuu eeranii akkaatuma kanaanis fayyadamummaan isaanii mirkaneessuufis bulchinsatti hojiileen bal’aan hojjetamaa jiraachuu human.

Hojiin galmeessa ragas Diyaaspooraan manaa manattii aanaalee magaalaafi baadiyyaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti akka gaggeeffamu kan human Obbo Biiniyaam Diyaaspooraan hirmaannaaafi fayyadamummaa Diyaaspooraan misoomaa, invastimantiifi sadarkaa bulchinsaarraa hangs Biyyooleessaatti guddisuuf ragaalee sassaabamu kun gumaacha guddaa kan qabu ta’uus addeessaniiti jiran.

Dhumarrattis Obbo Biiniyaam Hojmaata sassaabbii ragas kanaatiif sooftiweeriin teeknolojii diriirfamuu eeranii galmeessa ragaalee Diyaaspooraan mana-manatti gaggeeffamu kana odeeffannoo qabatamaa kennuun qooda fudhattoonnifi jiraattonni bulchinsaa tumsa barbaachisu hunda akka taasisan waamicha dabarsaniiti jiran.

Iliyaas Aammretiin

Suuraa:Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *