Ayyaana Qullubbii Gabreelee sababeefachuun Hawaasni Muslimaa Mooraa Mana Amantaa Gabreelii fi Naannawa isaa Qulqulleessan.
Ayyaanni Qullubbii Gabreelee kan nagaa fi jaalalaa akka ta’uuf yaadamee Hawaasni Muslimaa Mooraa Mana Amantaa Gabreelii fi Naannawa isaa Qulqulleessuu Hojiraawwachiisaa ol’aanaan Aanaa 02 Obbo Abeel Misraaq addeesaan.
Hirmaatonni duula hojii qulqulinaa irratti hirmaatan yaada nuuf laataniin akka jedhanitti Dirreen Dhawaa magaalaa waloominaa fi jaalalaan walkabajaa fi waliif yaadaa waliin itti jiraattan waataateef aadaa magaalaa teenyaa kan ta’e
walkabajuun waliif yaadaa waliin jiraachuuf hojii Mooraa Mana Amantaa fi Naannawa isaatti Qulqulleessuu isaanii ibsan.


