Ijaarsa Sirna Dimokraasiifi Adeemsa Imala Badhaadhina Biyyattii Keessatti Gaheen Goblaan Dargaggootaa Murteessaa Ta’uun Ibsame.

#DGC Bitootessa 15/2017

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Mataduree ” Waadaa Hanga Aadaatti! ” jedhuun Kallattiifi Murtee Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa Marsaa Lammaffaarratti Gahee Goblaa Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaarratti Waltajjiin Marii Dargaggootaa Gaggeeffame.

Koree Hoji Raawwachiiftuu Goflaa Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatti Hogganaa Damee Ijaarsa Waajjira Olaanaa Obbo Gazzaahany Andaargee Waltajjicharratti haasaa taasisaniin gurmuun Dargaggootaa nageenyaafi birmadummaa biyyattii mirkaneessuu bira dabree Badhaadhinaa biyyaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuusaaniitiin hirmaannaafi fayyadamummaan isaaniis mirkanaa’uu akka qabu kallattiiwwaniifi murtee paartichi yaa’ii 2ffaarratti dabarse keessaa tokko ta’uu ibsan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hogganaa Damee Ijaarsaa

Obbo Darajjee Tsaggaayee haasaa baninsaa yommuu taasisanitti hirmaannaa, fayyadamummaafi gumaacha dargaggootaa maleetti Badhaadhinaa biyyattii mirkaneessuun akka hindanda’amne amanuudhaan paartichi yaa’ii 2ffaa taa’een murtee dabarseen Dargaggoonni ijaarsa liigii jedhu otuu hintaane Goflaa Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa ta’ee waamamuu akka qabu taasifamuu dubbatan.

Waltajjiin kanarratti sandani Marii mataduree” Gahee Goflaa dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Kallatii Murtee Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa Marsaa 2ffaa Kaa’erratti” jedhu Dhihaachuun Mariin paanaalii gaggeeffameeti jira.

Waltajjii kanarratti miseensonni koree hojiraawwachiiftuu goblaa dargaggootaa paartii badhaadhinaa sadarkaa biyyaaleessaa hanaga aanaatti jiraniifi miseensonni goblaa dargaggootaa aanaalee, akkasumas keessummoonni affeeraman hedduun kan argaman yommuu ta’u, Mariin gofalaa dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa guyyaa kanatti akka biyyaatti naannoolee hundatti kan gaggeeffame ta’uunis beekameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *