Falaasama dhugeeffannaa Oromoo kan ta’e Irreechi Ayyaana jaalalaaf araaraa, sirna galateeffannaa Waaqa Uumaati.
Oromoon Irreecha irratti Waaqa Ganna dukkanaafi dadhabbii baay’ee qabu, Bona gogaa hongeen itti baay’atu dabarsee Birraa abdii qabu Arfaasaa rooba fidee dhufuun isa ga’u galateeffata. Fuulduraaf ammoo milkiin gaarii akka isa qunnamu Waaqa Uumaa waa maraa ta’e kadhata. Sirni galateeffannaafi araraa kun duudhaa uummata Oromoo gabbataa irratti kan hundaa’e safuuf safeefannaa mataa isaa qaba. Safuuf safeennaan kun Ayyaana kabajamaafi jaalatamaa kanaaf naatoo kan kennu sona isaa eeggatee labatatti akka darbuuf kan gargaarudha.
Malkaan ykn Tulluun Irreechaa bakka yaadees ta’ee osoo hin yaadiin kan dhabe dhiifama itti waliif gochuun garaafi qalbii qulqulluun Irreeffatudha. Kanaaf, Irreechi waltajjii nageenyi, araarriifi dhiifamni itti lallabamu, iddoo eebbaaf marabbaati malee dirree boo’ichaaf abaarsaa; qoodinsaaf jibbinsaa miti. Kunis Oromoonni marti guyyaa Irreechaa hawwiifi gammachuu guddaan akka eegan taasisa.
Irreechi bakka walgeettii Oromoota maraa; sabaaf sablammootaafi uummattoota hundaati. Guyyaa Irreecha Oromoonni Oromiyaa mara irraa, Kaabaaf Kibbaa; Bahaaf Dhihaa aadaafi duudha isaaniin faayamanii walga’uun Waaqa laga guute hir’isee taliila taasisee wal isaan agarsiise, Bacaqii Gannaa irraa gara Booqaa Birraatti isaan ceesise tokkummaan galateeffatu. Waan kana ta’eefi hayyoota biratti Irreechi akka ‘cultural symposium’ tti kan ilaalamuuf. Uummanni Oromoo kallattii hundaa irraa walitti dhufee yeroo ayyaana kana kabajutti: uffanni aadaa, faaruun Irreechaa, agarsiisni garaagaraa, sirboonni garaagaraa itti dhiiyataniifi akkaataa faayaaleen itti faayeffamanii dhimmaa Oromoo irratti hubannoo argachuuf konfiransii kamuu ni caala.
Gama biraan Irreechi duudhaa gabbataa hammattummaafi guddummaa Oromoo calaqqisiisudha. Irreechi Ayyaana saboonni, sablammoonniifi uummattoonni hundi jaalalaaf gammachuun garaa garummaa tokko malee irratti hirmaatanidha. Kunis obbolummaa, walitti dhufeenyaafi hariiroo uummattoota jidduu jiru jabeessuuf qooda olaanaa qaba.
Ayyaanni biyya keenyarra darbee qabeenya addunyaa ta’e kun karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qaamonni hawaasaa hundi keessumaa Qeerroof Qarreen ga’ee isinirraa eegamu adda durummaan ba’uu qabdu.
Irreechi Waltajjii Araaraafi Marabbaa; bakka walgeettii Oromoota maraati


