Torbee Yaaddoo Dirree Dhawaa ” Guyyaan Dirree Dhawaa Addunyaalerssaa Taateewwan Garagaraatiin Kabajamoo Jira.

Torbeen Yaaddoo Dirree Dhawaa Har’a irraa jalqabee guyyoota 5iif taateewwan garagaraatiin kan Kabajamu yommuu ta’u , ganama har’aa sagantaa deemsa miilaafi Shirrishirrii baaburaatiin gaggeeffameeti jira.

Guyyaa Dirree Dhawaa Kabajamu kanaanis dhalattoonnifi jaalattoonni Dirree Dhawaa biyya keessaafi biyyoota ambaa jiraatan dhufanii jaalalaafi dharraa Dirree Dhawaa kan Itti ba’an , ganama kana addababa’ii Lagaharirraa jalqabuun sosochii ispoortii,fiigichaafi deemsa miilaa taasisaafi misooma koriidaraa daawwachaafi nyaataafi dhugaatii mimmi’aawaa Dirree Dhawaa dhandhamaa ayyaanicha kabajachaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *