“Nageenya Biyyaa Eegsisuuf Itti-gaafatamummaa Fudhachuufi Biyya Tajaajiluun Kabaja Guddaadha”

(Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh)

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Dargaggoota Bara 2018 tti Marsaa Jalqabaaf Raayyaa Ittisaatti Makamuuf Calalamaniif Gaggeessaan taasifame.

Sirna gaggeessaa kanarratti kan argamaniiti Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh Nageenya Biyyaa Eegsisuuf Itti-gaafatamummaa Fudhachuufi Biyya Tajaajiluun Kabaja Guddaa ta’uu dubbatan.

Obbo Harbii Buuh Itti dabaluunis Raayyaa Ittisaa Biyyaa yeroo jijjiiramaarraa jalqabee human namaa gahumsaafi naamusa gaarii qabaniin gurmaa’ee jiraachuu eeranii dhaabbatichi yeroo bara yerootti teeknolojiidhaan of ijaaraa jiraachuus ibsaniiti jiran.

Dhumarrattis Obbo Harbii Buuh Dargaggoota gaggeessaan taasifameef leenjii isaanii ga’umsaan hordofuudhaan biyysaanii qixa sirriin tajaajiluu akka qaban dhaamsa dabarsaniiti jiran.

Hogganaa Biiroo Dhimmoota Haqaa,Nageenyaafi Seeraa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdusalaam Mohammed gamasaaniitiin Biyyi keenya yeroo kamiyyuu loltoota gootota ta’an oomishachaa kan turte ta’uu eeranii, wall jaalachuun alaabaa biyya ofiif dhaabbachuun heera biyyattii kabajchiisuu akka qaban dhaamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *