Koreen Dhaabbii Dhimma Baajata, Diinagdee, Daldalaa fi Industirii mana marii Dirree Dhawaa guyyaa har’aa daawwannee dirree Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee hanqiqaa fi cimina karoora ji’oota jahan dabranii adda baasuun ilaaleera.
koreen Dhaabbii Dhimmoota Baajata, Diinagdee, Daldalaa fi Industirii hojii irra oolmaa karoora jahan dabree ciminaa fi hanqinaalee jiran erga addaa baaseen booda marii hoggantoota Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee waliin marii gochuun hanqinalee jiru furuu fi cimina jiru itti fufsisuu qaburratti mari’ataniiru.
Walitti qabduun Koree Dhaabbii Baajata, Diinagdee, Daldalaa fi Industirii Mana Maree Bulchiinsa Dire Dawaa Kabajamtuu Aadde Aynaalam Tazarraa Biiroon Maallaqaa fi Misooma Diinagdee fi Abbaan Taayitaa Galiiwwanii yaada kenname hojiirra oolchuu itti fufuu fi raawwii galii keessatti adeemsa qindoominaa cimsuu akka qaban dubbataniiru.
Dhimmoota iftoomina raawwii pirojektoota idilee fi kaappitaalaa, sassaabbii galii fi bulchiinsa faayinaansii irratti ibsa bal’aa kan kennan, Hoggantuun Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Aadde Mulukaa Mahaammad, biiroon kun filannoowwan sassaabbii galii adda addaa hojiirra oolchuun diinagdee bulchiinsa kanaa cimsuuf hojjechaa akka jiru koree dhaabbii kanaaf ibsaniiru.


