Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Yaa’ii 2ffaa paartii badhaadhinaa mata duree waadaa hanga Aadaatti” ja’uun gaggeeffamerratti kallattiiwwanii fi murteewwan dabranii turan irratti xiyyeeffachuun waltajjiin hubannoo hoggantoota bulchiinsaa sadarkaan jiran hirmaachise gaggeeffameeti jira.
Waltajjicha haasawaan kan banan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar hojii paartii cimaafi biyya cimtuu ijaaruu jalqabame galmaan gahuuf, ciminaan kan hojjatamu tahuu kaasanii, yeroon kan wa’ada hawaasaaf galle gara Aadaatti jijjiiraa jijjiirru waan taheef hojiiwwan fedhii fi faayidaa Hawaasaa keenyaa mirkaneessan caalmatti ni hojjatamu ja’an.
Itti dabaluudhaan, gama nageenyaatiin hojiin hojjatameefi bu’aan argame kutannoo cimaan itti fufsiifna kan ja’an kantiibaa Kadiir Juhaar, hojiileen namarratti xiyyeeffatan kan Paartii badhaadhinaatiin hojjatamaa jiran, hojiileen diploomaasii,riifoormii dhaabbilee jalqabame bifa teeknolooojii deeggarameen akkasuma hojiin miidiyaa fi komunikeeshinii cimaa ijaaruu eegalame miira aantummaa fi tokkummaatiin jabaatee kan itti fufu tahuu kaasanii, hoggansi sadarkaan jiru kana hojiirra oolchuudhaaf tokkummaan sossohuu akka qabu hubachiisan.
Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf waltajjicharratti sanada marii kan dhiheeysaniin murteewwaniifi kallattiiwwan yaa’ii 2ffaa seena qabeessa paartii badhaadhinaatiin dabran hoggansi kutannoodhaan hojiirra oolchuuf ciminaan hojjachuu qaba ja’an.
Kanatti aansee waltajjiin marii hoggansaa fi miseensa paartii, akkasuma jiraattoota Bulchiinsaa hirmaachise kan adeemsifamu tahuus obbo Ibraahim itti dabaluu ibsanii jiran.


