Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Goflaa Dargaggootaa tajaajila tola ooltummaa ganna bara 2018 waliin walqabatee duula qulqulleessuu fi biqiltuu kunuunsuu gaggeessaniiru.
Saganticha irratti kan argaman Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa kan ta’an Obbo Ibraahim Yuusuf akka ibsanitti, duulli qulqullinaa kun dargaggoota waliin ta’uun kan raawwatame yoo ta’u, hojiin tola ooltummaa ganna bara 2017 biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu hojiin hojjetamaa ture jechuun dubbataniiru.
Keessattuu dargaggoonni yeroo hunda hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuu, naannoo isaanii kunuunsuu fi hawaasa isaanii fayyadamoo taasisuu akka qaban Obbo Ibraahim dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa mooraa mijataa fi hawwataa taasisuuf hojiin hojjetamaa akka ture kan agarsiisan yoo ta’u, lafti mooraa keessa jiru misoomsuun firii adda addaa kan nyaataaf oolu dhaabuun dhaadannoo “Nyaanni koo maasii kootii” jedhuun hojjattoota galii gadi aanaa qaban fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gara fuulduraattis dhaabbileen lafa bal’aa qaban hundi muuxannoo kana babal’isuun iddoo hojii isaanii biqiltoota adda addaa maasii isaanii irraa dhaabuun misoomsuu akka qaban Obbo Ibraahim ergaa isaanii dabarsaniiru.
Dargaggoonni saganticha irratti yeroo hirmaatan dubbisne biqiltuu dhaabuu bira darbee yeroo yeroon kunuunsuun sirrii ta’uu fi xumura sagantichaa irratti dargaggoonni ispoortii sagantaa kana raawwataniiru.


