Dambii Ittiin Bulmaataafi Qajeelfama Paartii Badhaadhinaa Gurmuu Dubartoota Waajjira Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaafi Dhaabbilee Gadjalaatiif leenjiin hubannoo cimsuu kenname.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hoggantuu ijaarsa Gurmuu Dubartootaa kan ta’an Aadde Aynaalem Mangashaa sanadicha Yommuu dhiheessanitti dubartoonni adeemsa ijaarsa Badhaadhinaa Roga hawaasummaafi dinagdee keessatti shoora isaanii akka qabaataniif hojiileen jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii dhaabbilee hundumattuu ijaarsi gurmuu Dubartootaa akka jiraatuufi kanaanis hirmaannaafi fayyadamummaan Dubartootaa kan mirkanaa’aa jiru ta’uus ibsan.
Dabalataanis dubartoota dhaabbilee Seektaroota hunda keessatti ga’oomsuu keessatti leenjiifi waltajjiileen dandeettii cimsuu akkasii kennamuu akka qabu qajeelfam kenname lafa qabsiisuuf waajjirri Bulchinsa magaalaa adda durummaan hojjechuusaaf Added Aynaalem galateeffataniiti jiru .
Walitti Qabduu Gurmuu Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Waajjira Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Aadde Siifan Sambatoo gamasaaniitiin imala Badhaadhinaa biyyi Kenya jalqabde milkeessuun kandanda’amu Dubartootaa ga’umsa qaban, kanneen dambiifi qajeelfama part I chaser at to hubannoo gahaa qaban horachuu kan barbaachisu ta’uu eeranii kana dhugoomsuufis leenjii kana fakkaatu miseensota Dubartootaa paartii badhaadhinaatiif yeroo yeroon kennuufii barbaachisa jedhan.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Salaam Abbabaatiin


