• Waggoota 6’n darban Sirna siyaasaa diinagdeefi hawasummaarratti riiformii hunda galeessaa taasisneen jijjiramni dhufeera.
• Guddina diinagdee GDP harka 8.1 milkeessineerra. Kuni biyyoota Afriikaa guddina ariifachiisaa galmeessaa jiran keessa tokkoo ishee taasisa.
• Bara kana guddina Dilbii diinagdee harka 8.4 galmeessuuf karoorfanneera.
• barana dameen qonnaa, guddina 6.1 argamsiisa jedhamee eeggama.
• barana waqtii bona gannaatti lafa heektaara miiliyoona 30 qotama. kanarras calla kuntaala biiliyoona 1 oltuu eeggama.
• Maaddii guutuun erga jalqabamee Baatii 3 qofa ta’uus Maaddii guutuun bara kana waliigala guddina 5.4 argamsiisaa jedhamee eeggama.
• Oomisha bunaan walqabatee bara kana Biraazilfi I veetnaamiin alaa bunaan Biyyii adduunyaarraa Itiyoophiyaa caaluu hin jiraatuu.
• bara dhufu immo Biraaziln ala kan nu caaluu akka hin jirreetti hojjanna.
• Bara darbee al ergii bunaarraa doolara biiliyoona 1.4 kan argamee yoo ta’uu Baranaa immoo doolara billiyoona 2’tu eeggama.
• Barana buna toonii Kuma 450 gabaa alaaf dhiyyeessuuf karoorfameera
• Hojii qonnaa bonaaf ganna hojjatamuun lafti hektaarri miiliyoona 8.2 qamadiin uuwwifama
• Indatsriin walqabatee dameen Indastrii bara kana guddina harka 12.8 guddina argamsiisaa jedhamee eeggama.
• Maanufakchaaringiin guddina harka 12 fi dameen koonistriakshiinii harka 12.3 guddina argamsiisa jedhamee eeggama.
OBN


