Kitaabni Makmaaksa Afaan Oromoo Kuma 3 ol kan of keessaa qabu mataduree Makmaaksa Jedhuun Injinar Abdella Sheek Mohammed Umariin kan barreeffame yommuu ta’u har’a haala miidhagaan eebbifameeti jira.
Sagantaa eebba kitaabichaarratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf kitaabichi Kuusaa beekumsa makmaaksaa ummataa Oromoo ta’uusaatiin barattootaafi hawaasa maraaf faaydaa guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiti jiran.
Obbo Ibraahim Yuusuf itti dabaluudhaanis barreessaan kitaabichaa kuusaa afoola ummataa kan ta’e haala kanaan dhalootaaf dabarsuun kuni hedduu jajjabeeffamuu akka qabu dubbatan.
Barreessaan Kitaabichaa kan ta’an Injinar Abdallaa Abdellaa Sheek Mohammed Umar qabsio diddaa roorroo ummataa taasisaniin biyyarraa ari’atamanii waggoottan hedduudhaaf biyya ambaa keessa jiraachaa turuu eeranii biyya ambaa keessatti kitaaba barreessuuf haalli ulfaataa ta’uus guyyaa kana kitaaba kana gumaachuu danda’utti gammachuu dachaatu natti dhaga’ama jedhan.
Kitaabichi fuula 331 kan qabuufi Makmaaksota Afaan Oromoo Kuma 3 ol haala dubbistootaaf miijatutti qindeessuun kan qophaa’e ta’uu barreessaan kitaabichaa kan ta’an Injinar Abdellan ibseeti jira.


