Hawaasa Daldalaa Aanaa 07 tti argaman.
Hawaasni daldalaa Aanaa 07 Misoomni Koriidaraa Aanichatti hojjetamaa jiru sosochii daldalaa aaannichaaf Haala Miijataa Uumuurratti Faaydaa Guddaa kan qabu ta’uu ibsan.
Misooma Koriidaraa duratti iddoon daldalaa aanichatti argaman hundumtuu baay’ee dulloomuufi naannawichatti balfiadda addaa Itti gatamuudhaan haalli qilleensaa naannoo Sana’a faalamuudhaan fayyaa namootaaf rakkisaa ta’uu eeranii yeroo ammaa kana garuu misooma Koriidaraa hojjetamaa jiruun manneen daldalaafi suuqiiwwan dulloomanis akka miidhagina magaalattii waliin deemanitti bifa bareedaan haaromsamuufi faayamanii ijaaramaa jiraachuufi kunimmoo Hojii daldalaa isaanii kan bareecjaa jiru ta’uus dubbatan.
Kanneen yaada kenna tokko tokko naannichi iddoo daldalaa ta’uun walqabatee keessummootaafi daldaltoonnii adda addaa Iddoo adda addaarraa dhufaniifillee akka iddoo nama hawwatu ta’uufi guddina magaalaa Dirree Dhawaa waliin akka deemutti hojjetamaa kan jiru ta’uus himan.
Hojigaggeessaa Waajjira Bulchinsaa Magaalaafi deeggaraa misooma Koridaraa Aanaa 07 kan ta’an Injinar Jamaal Ibrahim Aanichatti dukkaannan Ka 2 oliifi Giddugalli gabaa gurguddaan 10 ta’an jiraachuu eeranii yeroo amma kana Daandiiwwan gurguddaa KM 6 ol ta’an misooma Koriidaraa kana waliin qindeessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiti jiran.
Misoomni Koriidaraa Aanaa 07 Dildila Guddaa Koneelirraa jalaqabee hanga Manager barumsaa Kiristoositti achirraa qabee hanga Magaalaa Cabxuu, achirraa hanga Ashawaatti kan jiru Hundumaa kan hammatuu ta’uun kan eeran Injinar Jamaal Ibrahim misoomichi qarqara daandii misoomsuu, haaromsuu bu’uraalee misooma diriirsuu manneen haaromsuufi halluuwwan fi gamoowwan miidhagsuu kan hojjetamaa jiran ta’uun dubbatan.
Jiraattonni naannichaas manneen daldalaa isaanii kanneen dullooman haaromsuun halluu bifa ganda daldalaa waliin deemu dibuun fuuldura iddoo daldalaa isaanii bareechuun misooma Koriidaraa akka tumsaa jiran dubbatanii, kanammoo yeroo ji’a tokko hincaalle keessatti xumuruudhaaf halkanii guyyaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiti jiran.
Afayaa’ii Mana Marii Aanaa 07 Obbo Barakat Abbaas gamasaaniitiin naannichi iddoo daldalaa ta’uusaatiin kanaan dura ijaarsota manneen qorqorroo, dhiphaa, daandii qal’aa walbira dabruuf rakkisu manneen daldalaafi bifa guddina magaalaa Dirree Dhawaa waliin hindeemne akka daandiirra tureefi balfifi qoraaleen adda addaa daandiirratti haala gatamaa ture eeranii misooma Koriidaraa kanaan immoo daandii bal’isuu, manneen daldalaa haaromsuu, bu’uraalee misooma diriirsuufi hojiileen magaalaattii miidhagsuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Daldaltoonni naannichaas Hojii misooma Koriidaraa naannoolee an I Itti hojjetamaa jiran Itti gammachuu qabaniifi tumsa barbaachisu gochaa jiraachuu himan


