Sagantaan Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin Dirree Dhawaa gaggeefame.

Sagantaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin waltajjiin Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Qophesse kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi Ittigaafatamaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Gaggeessonni Mootummaa fi Paartii Kan Sadarkaa gara garaa hirmaan gaggeefameera.

Hirmaatota Sagantaa Goolabbii kanaan Baga nagaan dhuftan Kan jedhan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Yoo ta’u Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Harbii Buuh Haasaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Bakka bu’uun dabarsaniin Akka ibsanitti Paartiin keenya paartii hunda hammataa tahe, kan lammiileen Itoophiyaa sabaan, amantiin akkasuma eenyummaa biraa tokkoon osoo hin daangeeyfamin keessatti gurmaawanii fi Hirmaachuun badhaadhina biyya isaaniitiif gumaacha gama isaanii taasisan paartii sab-daneeysa guddicha biyyaalessaa taheefi akkasuma waggoota shanan dabre paartiilee gurguddoo addunyaa keessaa tokko tahuu olaantummaa yaadaa kan danda’eedha ja’an.

Dabalataaniis, paartii mul’ata badhaadhina hundagaleeysa tahe qabatee ummata biyya keenyaa kakaasuu danda’ee fi qabatamaan agarsiisaa jiruudha ja’anii, akkasuma sadarkaa olaanaadhaan deeggarsa ummataa argachuun tokkummaa uumuu danda’eedha jechuun dubbatan.

Ittigaafatamaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Barruu qorannoo Kan Imala Paartii Badhaadhina waggoota shanan darbanii fi kallattii hegeree irratti Kan xiyyeefate dhiheessuun mariin bal’aan irratti taasifameera.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *