Dirree Dhawaatti Maashinni Ammayyaa Qorannoo Dhiigaafi Dhukkuboota Daddarboo “Alinity” Jedhamu Bu’ureeffame.

Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarfi Deetaan Ministira Fayyaa Federaalaa Dr.Saarillaa Abdullaahii walk-in ta’uudhaan maashina qorannoo Dhiigaafi Dhukkuboota daddarboo “Alinity” jedhamu eebbisiisaniiti jiran.

Kansan dura qorannoo dhukkuboota daddarboo yaaluudhaaf qorannoo Dhiigaatiif naamunaan magaalaa Finfinnee ergamaa turuufi maashinichi asitti dhaabuachuun tajaajila fayyaa kan saffisiisuufi baasii hinmalle hambisuu danda’uu Kabajoo Kantibaa Kadiir ibsanii Kansan boodatti bu’aa qorannoo Dhiigaa teeknoolojii ammayaatiin deeggarame yeroo gabaabaa keessatti argachuun kan danda’ameefi tajaajilamtoonnis wal’aansa hatattamaa akka argatan kan taasisu ta’uu dubbatan.

Galteewwan maashinaaf barbaachisan abbootii qabeenyaa dhaabbilee dhuunfaa walk-in ta’uun kan guutaman ta’uu kan reran Kabajamoo Kantibaa Kadiir qaamolee deeggarsa barbaachisan gumaachan Hundumaa galateeffataniiti jiran.

Deetaa Ministira Fayyaa Dr. Sarillaa Abdullahi gamasaaniitiin qorannoo Dhiigaafi tuttuqaa harkaarraa bilisa ta’eefi qulqullina Qabu gaggeessuufi saffisaan qorannoo gaggeessuun tajaajila fayyaa saffisaa kennuuf kan gargaaru ta’uu eeranii maashinichi tajaajila qorannoo dhiigaa naannoolee ollaafis dabalataaf kennuu akka danda’u ibsaniiti jiran.

Guyyaaa kanatti Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Deetaa Ministira Fayyaa Dr. Sarillaa Abdullaahi, Daayreektara Olaanaa Baankii Dhiigaafi Tishuu Itoophiyaa Dr. Ashannaafii Taazzabaafi Hoggantuu Biiroo Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dr. Tsiggeeradaa Kiflee waliin ta’uun gamoo Biiroo Fayyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Tajaaila baankii dhiigaafi tishuuf oolu ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’aniiti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *