Hojjatoonnii fi Gaggeessonni Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Mooraa Mana Amala Sirreessaa Federaalaa kan Dirree Dhawaatti Tajaajila Tola ooltummaa ji’oota Ganna bara 2017 sababeefachuun Hojiiwan gara garaa Raawataniiru.
Hojiiwan raawatan keessaa hojiin biqiltuu dhaabuu, Arjooma Dhiigaa fi hojii Kunuunsaa fi Qulqullina Sirreefamtoota dubartootaa dabalatee deeggarsa taasise.
Sagantaa kana irratti argamuun Haasaa kan taasisan Waajjira Paartii Badhaadhina kan damee Dirree Dhawaatti Hooganaa damee Gurmaa’iinsaa kan ta’an Obbo Darajjee Tsagayea akka jedhanitti, hojiin Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa dameewan hojii tola ooltummaa adda addaa 14 hawaasa gargaaruun fayyadamoo keessatti hojjetamaa jira.
Obbo Darajen itti dabaluudhaan guyyaa har’aa hoggansi fi hojjettoonni waajjira kantiibaa fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu mana hidhaa kana daawwachuun biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomu, meeshaalee qulqullinaa obboloota mana hidhaa jiraniif, akkasumas sirreeffamtoota ijoollee qabaniif nyaata daa’immanii taasisuun deeggarsa taasisaniiru.
Deeggarsi kun adda durummaan hidhamtoota gargaaruuf akka ta’e ibsaniiru.
Dhumarratti obbo Darajeen deeggarsi kun gara fuulduraattis cimee akka itti fufu dhaamaniru.
Hoggantuun Waajjira Bulchiinsa Gaarii fi Hiikkaa Komii Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Saada Awaalee deeggarsi godhamu adda durummaan wal gargaaruu fi hidhamtoota ijoollee qaban deeggaruuf akka ta’e ibsaniiru.


