Bulchinsa Dirree Dhawaatti Ayyaanni Hundeeffama Poolisii Itoophiyaa Kabajamuu Eegale.

Ayyaanni Hundeeyfama Poolisii Itoophiyaa Waggaa 116ffaan Bulchinsa Dirree Dhawaatti har’a kan kabajamuu jalqabe yommuu ta’u, ganama kana sa’aatii 12:00 irraa jalqabee sagantaalee sochii qaamaa fi waldorgommii fiigichaatiin kabajamuu eegaleeti jira.

Sagantaa kanarratti waldorgommiin fiigichaa fageecha meetira Kuma 5 atileetota miseensa poolisii naannoolee, garee hawaasaa adda addaafi qaama miidhamtootaa akkasumas garee humna qilleensaa kilaboota atileetiksii adda addaa koornaya lameenuu hirmaachise kan gaggeeffame yommuu ta’u, kanneen sadarkaa 1-3 ba’uun dorgommicha injifataniif badhaasni waancaafi maallaqaa kennameeti jira.

Sagantaalee kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Ajajaa waliigalaa poolisii Dirree Dhawaatti Komishinar Alamuu Magaraa haasaa taasisaniin poolisiin keenya wabii nageenya ummata keenyaa ta’uun balsa irraa eeguufi tajaajila barbaadaniifis namoomaan tajaajiluuf waadaa Kenya haaromsuuf ummata Kenya waliin ayyaana kana yommuu kabajannu gammachuudhaan gaggeeffanna jedhan.

Ayyaana kanarratti afayaa’ii itti aantuu mana marii bulchinsa Dirree Dhawaatti Kab. Aadde Kariimaa Alii, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hogganaa Damee ijaarsaa Obbo Darajjee Tsaggaayee dabalatee hoggantoonni olaanoon Ajaja waliigalaa Poolisii Dirree Dhawaatti, kilaboota atileetikii, miseensonni poolisiifi keessummoonni hedduun sosochii ispoortii kanarratti hirmaataniiti jiran.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *