Lafa Heektaara 5,550 irratti Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa Akka hojjatamu ibsame.

Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa Ji’oota Bona bara 2017

“Qabeenyi Biyyee keenya Badhaadhina keenyaaf” mata-duree jedhuun Hojiin Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi misooma Sululaa Ji’oota Bona bara 2017 Kilaastaroota Baadiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa afranitti hojiin jalqabameera.

Bulchiinsa Dirree Dhawaa Jijjiiramaan asitti Hojiiwan baay’ee fi Fayyadamtummaa Ummataa mirkanneessuuf dandeesisan keessaa tokko Hojiin Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa tokko jechuun Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa Araddaa Bakkee Hallootti Ji’oota Bona bara 2017 Kan “Qabeenyi Biyyee keenya Badhaadhina keenyaaf” mata-duree jedhuun Sagantaa jalqabsiisuu irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar haasaa taasisaniin ibsan.

Lafa Heektaara 5,550 irratti Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa irratti raawwachuun Daarawuums Lafaa Dhibbeentaa 3.7 irrisuun Waggaa waggaan Biyyee gabbataa Galaanaan dhiqamee fuudhamuu danda’u Biyyee gabbataa Toonii 48,685 hir’isuu fi Lafa Ooyruu Heektaara 4,556 irratti hojii Jiidhiinsa Hidhuu irratti raawwachuun Abbootii Warraa 11,000 Fayyadamoo taasisuuf Karoorfamuu Hooganaan Biiroo Qonna, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Obbo Nuuraddiin Abdallaa haasaa taasisaniin ibsan.

Abdii Adamiin

Suuraa Teedroos Lu’uulsaggad.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *