Iddoowwn Hawwata Turizimiif Godaanbaawwan Dirree Dhawaa Beeksisuurratti Hojjetootaafi Ogeessota Hoteelotaafi Dhaabbilee Tajaajila Ga’oomsuuf Barbaachisaa Ta’uun Himame.

Biiroo Aadaafi Turizimiif Bulchinsa Dirree Dhawaa Abbootii Qabeenyaa Hoteelotaa waliin ta’uun hojjettootaafi keessummeessitoota hoteelotaafi dhaabbilee tajaajila turistootaa 150 akkaataa keessummeessuufi tajaajila dhiheessa nyaataafi dhugaatiirrattiifi guyyoota 4f leenjisaature har’a eebbisiise.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Muktaar Sagantaa Guduunfaa Leenjii kanarratti Haasa Taasisaniin Leenjiin akkaataa tajaajila dhiheessa nyaataafi dhugaatiifi akkaataa keessuummeessuurratti hojjettoota hoteelota 45 caalaniif Kenname kuni kaayyoon isaa inni guddaan guddina ariifachiisaa magaalaa keenyaatiin walqabatee turistootaafi keessummoota gurguddoo gara magaalaa keenyaatti dhuf aa jiranii waliin haalli tajaajila hoteelaa keessaa miijataafi ammayyaa’aa sadarkaasaa eeggate akka jiraati gochuu bira dabreefi hojjettoonni hoteelota gurguddaa kanneenii waa’ee iddoowwn Hawwata turizimiifi hambaawwan Dirree Dhawaarratti Odeeffannoo Guutuu qabaatanii keessummootaafi turistootaafillee Odeeffannoo gahaa kennuu akka danda’an ga’oomsuuf dhuudhaa keessummaa kabajuu Dirreen ittiin beekamtu agarsiisuun turistootaafi keessummoota Dirree Dhawaa simachuufi keessmmeessuu akka danda’an cimsuufi akka ta’e ibsaniiti jiran.

Biiroo Daldalaa, Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaatti Daayreektarri Daayreektoreetii Addaafi Turizimii Aadde Na’iimaa Abraahim gamasaaniitiin Dirree Dhawaa Iddoo Hawwata Turizimii taasisuufi xiyyeeffanoon hojjetamaa jiraachuu eeranii leenjitoonni kunneen waa’ee Dirree Dhawaa ilaalchisee Odeeffannoo kennuufis ta’eef Dirree Dhawaa beeksisuuf ofumaafuu odeeffannoofi muuxannoo akkasumas gahumsi kan isaan barbaachisu ta’uu hubachuudhaan qaawwa kan duuchuuf leenjiin kuni kennamuu ibsaniiti jiran.

Aadde Na’iimaan itti dabaluudhaanis Dirree Dhawaa Giddu-gala Koonfaransii Turizimii gochuurratti hojiin hojjetamaa jiran hedduu ta’uufi kanaafis turistootaafi keessummoota baay’ee simaachuun akka danda’amutti hoteelonni sadarkaa urjii 5 hojjetamaa jiraachuu waliin keessummeessitoota hoteelota kanneeniimmoo ga’oomsuuf leenjiiwwan akkanaa hojjetootaafi keessummoota hedduun kennuuf hojiileen jalqabaman kan ciminaan itti fufan ta’uus addeessaniiti jiran.

Leenjitoonni guyyaa leenjicha xumuruun eebifamanii waraqaa Ragaa fudhatan tokko tokko yaada miidiyaaf kennaniin leenjii kanarratti qaawwa hedduu beekumsaafi dandeettii keessuummeessuurratti qaban fooyyeeffachuun ga’umsa kan gabbifatan ta’uu himanii leenjiin akkanaa kuni tajaajilaa kenninuufi haala hoj-maata keessummeessuufi ammayyaawaafi miijataa taasisuu nu dandeessise waan ta’eef fuulduraafis otuu cimee akka itti fufu barbaanna jedhan .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *