Dhaabbanni Tajaajila Konkolaataa Elektirikaa “SWIFT” Dandeettii Bu’uraa Akkaataa Suphaafi Konkolaachisummaarratti Maammiltootaafi Qoodafudhattootaaf Leenjii Ogummaa Kenne.
Hojigaggeessaa dhaabbatichaa kan ta’an Obbo Buruk Ashabbir tajaajilli geejjibaa SWFT rakkoolee geejjibaa bulchinsatti .update furuu bira dabree konkolaattota elektirikiin hojjetan bara Biyyaa galchuudhaan maammiltootaaf dabarsee kennaa jiraachuu eeranii kanaafimmoo Akkaataa fayyadamummaafi suphaa konkolaattottaa human ibsan hojjetaniirratti ogeeyyii biyya Chaaynaatti leenjii fudhataniin mammlitootaafi fayyadamtoota konkolaattota kanneeniin leenjicha kennaa jiraachuu ibsan.
Konkolaattoonni elektirikii kanneen haaraafi teknolojiiwwan ammayyaan kan hojjetamaa ta’uusaaniitiin akkaataa konkolaachisummaafi suphaafi isaaniif godhamurratti leenjii ogummaa kennuu bira dabree dhaabbatichi giddugala suphaa iddoo adda addaatti hundeessuurratti kan argamuufi buufatawwan chaarjii misooma koridaraa waliin hojjetamaa jiruufi kunuunsa naannoo faayda qabeessummaan isaan dabalaa jiraachuu waliin leenjiiwwan akkanaa barbaachisa ta’uu Obbo Buruk ibsaniiti jiran.
Leenjicha kan kennan Hogganaa ogeeyyii teeknikaa kan ta’an Obbo Isaayyas Girmaa gamasaaniitiin rakkoolee teeknikaa mongols a his goota konkolaattota elektirikii mudachuu danda’aniif leenjii kana dursanii kennuun barbaachisa ta’ eeranii rakkoolee teeknikaa mudataniifis tajaajila suphaa kennuuf ogeeyyii gahaan jiraachuu dubbatan.
Hirmaattonni leenjichaa tokko bakka yaada kennaniin leenjii kanarraa bu’aawwan hedduu argachuu eeraniiti jiran .


